Xurree ittiin seenan

Breaking News

Naannoo Moosutti Wal Waraansii Itti Fufee Jira   


Displaced Iraqi women who just fled their home,rest in the desert as they wait to be transported while Iraqi forces battle with Islamic State militants in western Mosul, Iraq February 27, 2017.
Displaced Iraqi women who just fled their home,rest in the desert as they wait to be transported while Iraqi forces battle with Islamic State militants in western Mosul, Iraq February 27, 2017.

Humootiin Iraaq magaalaa Mosuul keessa kan jiru Riqiicha akkaan barbaachisaa ta’e wiixata har’a to’atanii jiru. Kunis hidhattoota islaamik Isteetes magaalatti gama dhiyaa keessaa haxa’anii baasuuf dula waraanaa erga jalqabanii baatii tokko booda ture.Angawoonni akka jedhanti humnootiin mootummaa deggeran “Riqiicha Arfaffaa” kan jedhamu kan laga Efraaxis gama dhiyaa keessa jiru to’atan.

Mosuul keessatti wal waraansii gaggeeffame Riqiicha turan mara barbadeessee ykn mancaasee jira.Kunis humna waraanas ta’e meeshaalee laga Efraaxis gamasitti geessuuf rakkoo uumee ture.Mosuul gama dhiyaa keessatti Wal waraansii hammaatee yeroo jiru kanatti siviilonni achii keessa jiran attam ta’u? yaaddoo jedhu uumee jira.

Tokkummaan mootummotaa naannoo sanatti rakkoon gargaarsa dhala namaa jiraachuu isaa kan ibse yoo ta’u uummanni hanqiina nyaataa, hanqiina boba’aa fi meeshaalee wal’ansa fayyaa hamaan akka isa mudate ibsee jira.Siviloonni hedduun Mosuul gama dhiyaa keessaa kan dheessaa jiran yoo ta’u kunis magaalatti gama bahaa keessaa eega humnaan baafamanii booda.

XS
SM
MD
LG