Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dhukkubaa Fi Dawaa


Biyyoota guddataa jiran keessatti Dawaalee farra dhukkuba HIV/ AIDS kanneen gatiin isaanii salphaa ta’e gargaaramuun bu’aa argamsisuu isaa qorannaan haaraa gaggeeffame hubachisee jira.

Dawaa Navarapin jedhamu dawaalee ka biroo dhukkuba HIV/AIDS gargaaran waliin qindaa’inaan fudhachuun dubartoota harka 83 ta’an irratti bu’a quubsaa kan argamsisee yoo ta’u kanneen qaammi isaanii dawaa kana fudhachuu dide imoo harka 14 ta’uu qorannaan kun hubachiisee jira.

Gama kaaniin dhukkubi Cobxoo ykn Afaan Ingliziin Gonorrhea jedhamu dawaan fayyuu diduun isaa addunyaa irratti dabalaa kan jiru ta’uu jaarmayaan fayyaa addunyaa ykn WHO akeekkachisee jira.

Dhukkuba kana dur dawaalee Antiibaayotiiks jedhamaniin fayyamaa kan ture yeroo ta’u amma garuu fayyuun rakkina ta’aa jira jedha. Kanaafis jecha qorannaa haaraa gaggeessuun dawaa haaraa argachuuf barbaachisaa ta’uun ibsameera.

Gabaasaa guutuu MP3 tuquun dhaggefadhaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG