Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dhukkubi Gifiraa Hammaataa Jira


Naannoo Dollo Adootti kan argamu mooraa baqatootaa Kobee keessatti, lakkofsi ijoollee dhukkuba Gifiraan dhumanii dabalaa kan jiru ta’uu, dhaabni baqattootaa UNHCR beeksisee jira.Guyyaa guyyaatti kan du'an 10 ta'u jedha jaarmayaan kun.

Du’a kana ittisuuf jecha dullii talaalii farra Gifiraa guyyoota Afuriif kennamuu isaa Itiyoophiyaatti dubbi himtuun UNHCR Malesett Mutulii ibsanii jiran.

Mooraalee baqatootaa keessatti dhukkubii du’a hammeessan sadii ta’uu kan ibsan Mutuliin, isaaniis garaa baasaa ykn yaasaa, dhukkuba qaama afuura baafatu isa ol aanaa ykn "upper respiratory track infection" akkasumas hanqiina nyaataa hamaa ta’uu ibsan.

Keeniyaa gama kaabaa keessatti immoo caamaan akka hamaatti kan miidhaman horsisee bulaa Turkaanaa ta’uun ibsameera.

MP3 tuquun guutuummaan dhaggefadhaa

XS
SM
MD
LG