Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dhukkubi Hongeen Wal Qabatee Ka’e Gad Xiqqaate: Ministrii Eegumsa Fayyaa Itiyoophiyaa


Dhukkubi Hongeen Wal Qabatee Ka’e Gad Xiqqaate: Ministrii Eegumsa Fayyaa Itiyoophiyaa
Dhukkubi Hongeen Wal Qabatee Ka’e Gad Xiqqaate: Ministrii Eegumsa Fayyaa Itiyoophiyaa

Dubbi himaan ministrii eegumsa fayyaa obbo Ahmed Amaanoo akka jedhanitti dhukkubi garaa kaasaa fi haqqisaa ariifachiisaa naannoo Somaalee Itiyoopiaatti kan mudate hongeen wal qabatee ti. Hongee sanaan wal qabatee kan mudate hanqinni bishaanii baatii Fulbaana darbee qabee dhukkuba kanaaf sababaa ta’uu dubbatan. Zooniiwwan somaalee 11 keessaa sagal keessatti dhibeen kun ka’uu isaaf naanoleen miidhaman garuu murtaa’oo akka ta’e obbo Ahmed ibsaniiru.

Naannoon Somaalee Itiyoopiyaa zooniiwwan 11 qaba. Zooniwwan 11 keessaa naanolee murtaa’oon dhukkubi kun keessatti mul’ate zooniiwwan sagal keessatti. Zooniwwan sagal keessaa immoo gad buunee aanaalee hanga tokko keessatti kan dhukkubi kun mul’ate.

Ennaa ibsamu zooniwwan martinuu dhukkuba Kanaan miidhamaniiru jechuu miti. Naannoo hanga tokko qofa jedhan.

Faca’inni dhukkuba kanaa gad xiqqaachuu kan danda’eef birmannaa guddaa sadarkaa biyyaatti godhameen ta’uu obbo Ahmed beeksisaniiru.

Gyyoota 10 dura guyyaatti galmeessamaa kan ture lakkoobsi dhukkubsattootaa 700 ol kan turee fi kaleessa garuu kan galmeessame 220 ta’uu obbo Ahmed tuqaniiru. Dubbi himaan kun akka jedhanitti yeroo ammaa dhukkubi kun zooniiwwan sadii keessaa aanaalee hanga tokko keessatti mul’ata, kanaaf zooniiwwan ja’a keessa kan tura waaltaaleen wal’aansa kennan amma hojii dhaabaniiru jedhan.

XS
SM
MD
LG