Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mormii Bakka Bu'oota Ummaata Ameerikaa Sa'aatii 20 ol Fudhate; "Sagalee kenninu malee asii hin baanu"


Bakka bu'aa uummataa, Joon Luwiis, Joorjiiyaa irraa. Waxabajjii 22, 2016
Bakka bu'aa uummataa, Joon Luwiis, Joorjiiyaa irraa. Waxabajjii 22, 2016

Seeneetiin Yunaaytid Isteets harki caalan isaa Ripeblikaanii ta’e, Hojjaa Duraa darbe seera dhimma to’annaa qawwee irratti dhihaate akka sagaleen iratti hin kennamnee godheera.

Dimokraatonni miseensa mana marii Ameerikaa gara 40tti hiiqan , kaleessaa, manni marrii akkuma barame yaa’ii isaarra odoo jiruu, “ waan tokkorra geenyu malee asii hin baanu “ jechuudhan mormii jalqaban. Teechoorra odoo inta’in lafa bu’anii ta’ani achuma bulan.

Dimokiraatoonni yeroo dheeradhaf dhimmaa to’annaa qaweee irratti sagaleen akka kennamu gaafachaa turan. Warri paartii Ripeblikaanii garuu sagaleen kennamee dubbin akka murtaahuu hin barbaanne.

Dimookraatonni Kapitool Hiil Keessa akkanatti lafa taa'udhaan mormii isaanii dhiheeffatan. Waashingtan Diisii, Waxabajjii, 22, 2016.
Dimookraatonni Kapitool Hiil Keessa akkanatti lafa taa'udhaan mormii isaanii dhiheeffatan. Waashingtan Diisii, Waxabajjii, 22, 2016.

Joon Luwiis, godina Joorjiyaatii bakka bu’aa ummataati. Joon qabsoo ummanni gurraachi Ameerikaa mirga ofii kabachiisuudha godhe, ‘Civil Right movements’, jedhamuu, warra Maartiin Lutar Kiingi faa wajjin hoggane keessa tooko. Mala bara sanii fayyadamee, mormii amma dimokraatonni gochaa jiran kana hogganaa jira.

Joon dabalees, dhimma kanaratti paartiin isaanii obsa fixachuu ibsee. ” kana caalaa hin eegnu, kanaafuu, oggaa dhufuu hookan ji’a dhufuu odoo hin ta’in ,harra mana marii kana irraa deebii eeggana," jedhe, namoota deggarsa isaanii ibsachuudha fundura Kaapitool Hiilitti walitti qabaman laaluuhdaa ogga gadi baheetti.

"Sagalee kenninu malee asii baanu"
please wait

No media source currently available

0:00 0:00:44 0:00

Qorannoowwaan sagalee ummanni kenne iratti hundaahee bahan, ummanni Ameerikaa harki caalan akkaataa namooni qawwee bitachuu danda’an irratti to’annaan akka jiraatu deeggaruu isaanii agarsiisa. Kana hojiirra oolchuudha wanni godhamaa jiru hin jiru jedhanii warii paarlaamaa biyyatti himatan baayyee dha.

Dimokraatonni mormii dhiheefatan kun, erga kaameeran mana marichaa cufamee, waan Kapitool Hiilitti ta’aa ture sab-qunnamtii hawaasummaa - an akka Tiwitarii fi Periskoopii fayyadamanii - viidiyoo fi suuraa akkasumas haasahaa fi dhaadannoo achitti gochaa turan hawaasa biraan gahan.

Pirezdaantiin Ameerikaa Baraak Obaamanis Kara Twiterii isaa Joon Luwiis to’annaa qawwee raggasisuudha mormii kana hogganuu isaatif galata galcheefira.

Mormiin dimookraatonni gochaa turan harra guyyaa xumurameera.

"Seera To'annaa Qawwee Irratti Sagalee kenninu Malee Asii Hin Baanu"
please wait

No media source currently available

0:00 0:04:01 0:00
Xurree marsariitii

XS
SM
MD
LG