Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dirree Malkaa Irreechaa, Dhuminsaa Booda


Hora Arsadee, Bishooftuu, Oromiya
Hora Arsadee, Bishooftuu, Oromiya

Ayyaana Irreechaa Dilbata dabre, gaafa Onkoloolessa 2,2016 magaalaa Bishooftuu, Haroo Har-sadii irratti geggessamuuf turee fi haala gaddisiisaa gidduutti mudate kanneen ijaan arganii dhugaa-ba’an hedduu dha. Kanneen keessaa tokko, gaazzexeessaa Televiiziyoona dhuunfaa, OBS, Ol’aansaa Waaqumaa ti. Mootummaa irraa ehama sirnaa argachuudhaan, waa’ee Irreecha guyyaa sanaa gabaasuuf kan garee gaazzexeessotaa fi ogeessota kaameraa OBS waliin bakka sanatti argame, Ol’aansaan uummata karaa nagaa harka isaa wal-qaxxaamursuu fi dhaadannoolee barataman dhageessisan, kaan immoo kanneen akka aadaatti sirbaniin ayyaanichi ganama jalqabuu isaa ibsee, kan dura dheekkamsa kaase, abbaan-gadaa amma baallii harkaa qabu, Abbaa Gadaa Bayyanaa Sanbatuu yeroo itti eegametti waltajjiitti dhiheessamuu hanqachuu akka tahe dubbata.

Mormii Irreechaa Bishooftuu irratti godhame
Mormii Irreechaa Bishooftuu irratti godhame

Eega Abbaa-gadaa Bayyanaan dhufee booda immoo, kan mormii ka’eef sababaa tahe halaabaan waltajjii aadaa sanatti naannessamee hidhamuu isaa akka tahe illee dubbata. Mormii sana irraa kan ka’e dhukaasni aara imimmaansuu fi dhukaasni rasaasaa dhukaasame uummata baaragsiisuu fi fiigsisuu, boodas boollatti keessatti akka kukkufanii dhuman sababaa ta’uu illee dubbata.

Jiraataan magaalaa Bishooftuu ka biraan immoo, boolli sun otuu reeffi keessaa baasamee hin dhumiin, mootummaan biyyoo itti deebisiisee, baala koshommii itti uffisiise, jedha.

Namoota gaazii nama imimmaaneessu fi dhukaasa jalaa kaachutti booloo seenaan fi tattaafii jarreen midhaman baasuu, Bishooftuu, Oromiyaa, Onk. 2, 2016
Namoota gaazii nama imimmaaneessu fi dhukaasa jalaa kaachutti booloo seenaan fi tattaafii jarreen midhaman baasuu, Bishooftuu, Oromiyaa, Onk. 2, 2016

Jiraataan magaalaa Bishooftuu ka biraan achii booda dubbisne, miseensi Kongiresa Federaalawa Oromoo immoo, humnoonni mootummaa eega boollichatti biyyoo uffisanii, namoota reeffa finna isaanii barbaaddatan irraa hari’ee booda, deebisee boollicha banee reeffa keessaa guursisaa ture. Garuu, dhoksaadhaan konkolaataadhaan fuudhamanii bakka hin beekamnetti geessaman, jedha.

Gaaffii fi deebii guutuu kana cuqaasaatii dhaggeeffadhaa

XS
SM
MD
LG