Xurree ittiin seenan

Breaking News

OPDO Keessa Adda addummaan hin jiru Jedhu angawaan Dhaabichaa


Miseensonni Koree Giddu-galaa Dhaabbata Dimookiraatawa Uuummata Oromoo, kan OPDO walga’ii yeroo adda addaatti ADAAMAA-tti geggeeffatan irratti wal-dhibdeen cimaan gidduu isaanitti uumamuunii fi adda qoodamuun isaanii gaazzexoota dabalee maddeen adda addaan eega odeessamaa turee booda, Miseensi Koree Hoji-raaw’achiistuu OPDO fi sadarkaa Federaalaatti Ministara Siivil Servisii turan Obbo Juuneddii Saaddoo koree giddu-galaa keessaa baasamuunii fi Aadde Asteer Maammoos taayitaa Ministarummaa sadarkaa Fedraalaatti qaban irraa buusaman ka jedhu dhaga’ame.

Waa’ee addaan-qoodaminsa OPDO keessatti uumame jedhamu kanaa, qophii dabree irratti miseensa Koree Giddu-galaa dhaabichaa keessaa tokko haasofiisuun keenya ni yaadatama. Har’a immoo, Itt-gaafatamaa Dhimmoota Koominikeeshinii Mootummaa, ka Bulchiisa Naannoo Oromiyaa Obbo ABRAHAAM NIGUSEE ti keessummaan keenya.

Gaaffii fi deebii kutaa 1ffaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:09:47 0:00
Xurree marsariitii
XS
SM
MD
LG