Xurree ittiin seenan

Doktorootii Ugaandaa Dhukkuba Ziikaatii Qorsa Barbaaduuf Baddaa Biyya Isaanii ZIKA Jedhan Keessa Jiran

  • Soraa Halakee

Baddaa Ziikaa,Enteebe Ugaandaa jirtu

Baddaa Ziikaa,Enteebe Ugaandaa jirtu

Ziikaan maqaa dhukkuba haaraa lafa dhufee qofaa mitii maqaa baddaa Ugaandaa magaalaa Enteebee jirtuu tokkollee lafa balloo qilleensaa dansaa qabdu,jaldeessa gaaraa, qamalee fi bineensa akka akkaatti keessa buburraaqa.

Badda tana qorannoof jedhanii jabeesanii eegan,mukkeen gosa hedduu qabdi.Biinii/ Bookee Busaa gosa 40 keessatti argan.Perezidaantiin Amerikaa Jiimii Kaarter bara tokko baddaa sun dhaqee laale.

Ogeeyyotii fayyaa Ugaandaa bara 1947 asitti dhukkuba akka akkaaiti fala barbaaduuf garuma baddaa sunii yaahan.Manallee keessatti jaarratanii baala mukaa,hidda mukaa,Biinnii fi waan achi keessa jiraa hedduu qorachuutti jiran.

Akka saayintistootii jedhanitti baddaa sun keessaa vaayreesii gosa 27,sanyii Biinnii/Bookee 224 fi vaayreesii gosa 80 irratti qorannoo tolchuutti jiran.

Julius Lutwama,itti gaafatamtuu Inistituutii Qorannoo Vaayreessii Ugaandaati. “Ganna cufa dhukkuba haaraa argina,jetti Julisu Lutwama,ganan shanan dabranii asitti dhukkuba haaraa baddaa tana keessaa dhufu argina.”

Zika,dhukkubii haarahii lafa dhufe kun keessaatuu,Latin America fa guddoo yaaddessiti.Birazil Olompiki Gannaa qopheessuutti jirti nama hedduutti tanaaf yaaddahuutit jira.

Dhukkubii nama ijoollee didiqqoo kuma hedduu irratti arganii nama miliyoona hedduutti sodaachaa jiraata.

Dhukkuba kana ganna 10 duratti magaalaa Kampaalaatti argan.Eegii innii yoo dhiiraa fi nadheen waliin rafan keessaa tokko dhukkuba kana qabaatellee nama kaanitti dabra jedhan namii yaaddahee falachuutti jira.

Dhukkuba kana qaraa ugaandaatti argan. Ijoollee hedduutti dhukkub akana waliin dhalatee nama miliyoona hedduutti dhukkuba kana sodaachaa jiraata.

Ugaandaan qilleensa baddaa gammoojjii torba jiduu jirti;gama bahaatiin: naannoo Savaanaa Keenyaatii fi Taanzaaniyaa.Gama Dhiyaatiin: Baddaa Koongootti dhiyaatti.

Akka jecha Lutwaamaatti jijjiirama teessuma lafaa tanaaf saayintistootii bara 1930 jalqabanii baddaa tana dhufanii qoratanii ogeeyyotii fayyaa Ugaandaalleen tanumaaf jedhani fala dhukkuba Ziikaa baddaa isaanii keessa barbaadachuutti jiran.

Yaada mul'isi

XS
SM
MD
LG