Xurree ittiin seenan

Breaking News

Traamp Putiniin Deggeruun Nu Yaaddesse: Gareelee Mirga Namaa fi Seera Tumtoota US


Pirezdaant Traamp yeroo pirezdaantii Raashiyaa Vilaadmir Puutiin bilbilaan haasofsiisu, Amajjii 28, 2017
Pirezdaant Traamp yeroo pirezdaantii Raashiyaa Vilaadmir Puutiin bilbilaan haasofsiisu, Amajjii 28, 2017

Gareeleen mirga namaa, seera tumotoonni US hedduu, gadamoojjiwwan generaalota waraanaa fi ambaasaadderoonni Ameerikaa duraanii prezidaanti Donald Trump prezidaantii Raashiyaa Vladimir Putiniif falmuun kan isaan yaaddesse ta’uu beeksisan.

Trump kaleessa gaaffii fi deebii dhaaba oduu Fox jedhamu waliin geggeessaniin kabajaa Putiniif qaban irra deebi’uun dubbataniiru. Gaaffii qopheessaa sagantaa Sanaa kan ta’e Bill O’Reilly dhiyeesseef prezidaantiin Raashiyaa nama ajjeesuu jedhuuf Trump ennaa deebisan namoota nama ajjeesan nutuu hedduu qabna maal yaadda? Biyyi keenya qulqulluu dha jechuufii jedhan.

Kremlin dhaabi oduu Fox yaada nama mufachiisuu fi fudhatama hin qabne dhiyeesseef dhiifama akka gaafatu barbaada. Qopheessaan sagantaa Sanaa O’Reilly himannaa sana fudhatama dhabsiisuu dhaan Raashiyaan kana naannoo bara 2023 naan haa gaafattu jechuun deebise.

XS
SM
MD
LG