Xurree ittiin seenan

Breaking News

Traamp Soddaa fi Gorsaa isaa Jaared Kushiner "Biyyattiif Hojii Gaarii Nama Hojjete" Jechuudhan Faarse


Doonald Traamp fi Jaared Kushiner
Doonald Traamp fi Jaared Kushiner

“Jaared, biyyattiif hojii gaarii hojjete. Isa irratti amantaa guutuun qaba. Namoota hunda biratti kabajaa qaba. Sagantaalee maallaqa biliyoona hedduu biyyattiif oolchan irratti hojjetaa jira. Waan hunda caalaa immoo, inni nama gaarii dha” jechuun faarsan – Traamp.

Prezidaantiin Yunaayitid Isteets, Doonaald Traamp, soddaan isaanii fi gorsaan gameessi Waayit Haawus – Jaared Kushiner Prezidaantichi taayitaa qabachuu isaanii torbanneen haga tokko dura, Raashiyaa waliin caasaa hariiroo karaa Boroo diriisuu yaalee ture – jechuun ka maddeen-oduu gabaasan, irraa falmanii jiran.

“Jaared, biyyattiif hojii gaarii hojjete. Isa irratti amantaa guutuun qaba. Namoota hunda biratti kabajaa qaba. Sagantaalee maallaqa biliyoona hedduu biyyattiif oolchan irratti hojjetaa jira. Waan hunda caalaa immoo, inni nama gaarii dha” jechuun faarsan – Traamp.

Intala Prezidaant Traamp ishee angafa – Ivaankaa fuudha – Jaared Kushiner. Isheenis gorsisuu ta’uun Waayit Haawus keessaa hojjetaa jirti.

Kan umuriin isaa waggaa 36 – Jaared, otuu taayitaa gorsitummaan, bulchiinsa Waayit Haawusitti hin dhufiin dura, magaalaa Niwu Yoork keessatti daldala manneen irratti bobba’ee hojjetaa ture.

Akka madden oduu hedduun jedhanitti, jalqaba baatii Muddee dabree, yeroo Ambaasaaddara Raashiyaa ka Yunaayitid Isteets keessaa – Sergee Kisliyaak wajjiin walga’ee turettti, hariiroo iccitii mootummaa Moskoo waliin diriirsuu yaalee ture.

Abukaatoon seeraa, kan Jaared Kushiner, waa’ee hariiroo aangawoota Raashiyaa waliinii ilaalchisee, gaaffii manni-maree Yunaayitid Isteets dhiheessuuf deebii kennuuf ka walii-galan ta’uu beeksisanii turan.

XS
SM
MD
LG