Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaant Doonaald Traamp Ajaja Uggura Baqattootaa Dabarsan Irratti Falmii fi Qeeqi Dhiyaatu Hammaataa Jira


Prezidaant Doonaald Trump Ajaja Uggura Baqattoota Dabarsan Falman Qeeqi Irrati Dhiyaatus Hammaataa Jira
Prezidaant Doonaald Trump Ajaja Uggura Baqattoota Dabarsan Falman Qeeqi Irrati Dhiyaatus Hammaataa Jira

Omar Al Muqdad humnootii naga eegumsaan nama barbaadamaa jiraate. Mootummaan Siiriyaa bakka argametti akka ajjeefamu yeroo sadii ajaja irratti dabarsee jira. Balleessaan isaa hoo maal ture? Prezidaant Bashar al Assadiin mormuu isaa ti. Har’a garuu biilsa mana maree bakka bu’ootaa Ameerikaa keessa walaba ta’uun deddeebi’a.

Al Muqdad lammii Siiriyaa baqattummaan gara Ameerikaa dhufe. Ani as ga’eera. Lammiiwwan Siiriyaa kanneen biroon garuu shorokeessonni isaani waliin makamanii dhufu sodaa jedhuun dahata Ameerikaan naa kenninte waan argatan natti hin fakkaatu jechuun dhiphataa jira.

Dhaabi “Federation for American Immigration Reform” jedhamu lammiiwwan biyya alaa akkaan gara Ameerikaa seenuun nageenya biyyoleessaa keenya balaa irra buusa. Carraa hojii, barnootaa fi eegumsa fayyaa eegumsa naannoof kkf ilaalchisee lammiiwwan Ameerikaa miidha jechuu dhaan waggoota 35n darbaniif imaammati immigration ta’uu qaba jechuu dhaan jechuun dhaaba falmaa ture.

Dan Stain itti gaafatamaa dhaaba kanaa ti. Biyyi keenya biyya waraanaan raafamaa jiru irraa nama dhufu mara sirriitti qorachuu hin dandeessu jechuu dhaan baqataa kan ta’e Omar kan jedhuun walii hin galan.

Prezidaant Donaald Trump-s ajaja sadarkaa ol aanaa dabarsanii fi baqattoota biyyoota torba irra jireessa hawaasa musliimaa ta’an irraa Ameerikaa akka hin seenne ugguruu isaanii falmuu itti fufan.

Demokraatichi Senator Chuck Schumer kaleessa ennaa Trump ajaja dabarsan akka hambisan gaafatan imimmaan isaan hudhaa ture. Ajaji sadarkaa ol aanaa sun jimaata kan mallatteeffame ennaa ta’u baqattoonni guyyoota 120f USn akka hin seenne ka rarraasu yoo ta’u guyyoota 90maaf immoo biyyoota kan akka Iraq, Iran, Syria, Simalia, Sudan, Libya fi Yemen irraa Ameerikaa akka hin seenne uggura.

Ajaja kana hojii irra oolchuun keessumaa buufataalee xayyaara biyyattii keessatti yaada wal dha’aa uume. Namoonni green card qabanii fi eeyama seeraa biyya kana jiraachuu qaban buufata xayyaaraa utuu gad hin ba’in naga eegumsa biyyoolessaatu gaaffiin isaan sarde.

Ministeerri naga eegumsa biyyaa Kelly-n dilbata darbe ibsa baasaniin imaammata jiru yaaluu dhaan kanneen eeyama seeraa qaban biyya kana seenuun danta biyyoolessaa waliin wal simuu qaba jedhan.

Gabaasa guutuu dhaggeeffadhaa

Prezidaant Doonaald Trump Ajaja Uggura Baqattoota Dabarsan Falman Qeeqi Irrati Dhiyaatus Hammaataa Jira
please wait

No media source currently available

0:00 0:08:49 0:00

XS
SM
MD
LG