Xurree ittiin seenan

Breaking News

Donaald Traamp Kaadhimummaa Paartii Isaanii Simatan Qajeelfama Seeraa Bakkatti Deebisa Jedhan


Donald Traampiif hadha warraa isaa Mileeniyaa Traamp
Donald Traampiif hadha warraa isaa Mileeniyaa Traamp

Yeroon ammaa Donald Traampiif yeroo injifannoo siyaasaa guddaa ennaa ta’u Traampis bakka sana qabachuuf ariifatanii jiran.

Waliin taanee jedhan Trump paartii keenya White Housitti geessina. Biyya keenyas deebisnee bakka amansiisaa, badhaadhinaa fi nageenyaatti geessina. Biyya arjaa fi michummaa jaal’atu taasisna. Garuu biyya sirna qabeettii goona.

Maatiin isaanii fi ripublikaanonni kumaan lakaman kanneen galma kora sana keessa turan keessatti Trump yeroo hanga tokkoof adda addummaan mul’ataa turee booda paartii isaanii tokkoomussu waadaa seenan.

Akkasumas mormituu isaanii ministrittii dhimaa alaa duraanii Hillary Klinteniin akkaan qeeqan.

Waraana waggoota 15 kan giddu galeessa bahaa booda, doolaarri triliyoonaan laka’amu ba’ee lubbuun kumaan laka’amu erga dhumee booda haalli jiru akka kana dura argamee hin beeknetti daran hammaate. Hillary Kilinten kan nuuf dhiistee darbite, du’a, qabeenyaan barbadaa’ee, shororkeessummaa fi dadhabina ishee ti jedhan.

Dorgommii White House-n seenuuf godhamu kana keessatti ani kaadhimamaa qajeelfama seera bakkatti deebisuuf ka’e jedhan.

Trumpiin gara waltajjiitti kan affeerte kan waa’ee gara laafummaa abbaa ishee dubbatte intala isaanii Ivanka turte.

Abbaan koo jette Ivankaan presidentii keenya itti aanu ta’uuf ciminaa fi dandeettii barbaachisu kan qabu qofa utuu hin taane nama garraamummaa, fi galra laafummaa hoogganaa biyyi kun barbaaddu isa taasisu qaba.

Traamp irra deebi’uu dhaan daangaa Mexico irratti dallaa ijaaran walii galtee daldalaa cimaa kan tolchan akkasumas garee IS injifachuuf dhaadatan. Haasaa isaanii ennaa xumuranis mata duree duula filannoo isaanii irra deeb’uun ture.

Lammiiwwan Ameerikaa magaalaalee keenya mara keessa jiraniif galgala kana waadaa kanan seena. Ameerikaa irra deebi’uun ni cimsina. Ameerikaa irra deebi’uun akka boontu goona. Ameerikaa irra deebi’uun bakka amansiisaa taasisna. Ameerikaa irra deebi’uun biyya jabduu goona jedhan.

Donaald Traamp Kaadhimummaa Paartii Isaanii Simatan Qajeelfama Seeraa Bakkatti Deebisa Jedhan
please wait

No media source currently available

0:00 0:04:39 0:00
Xurree marsariitii

XS
SM
MD
LG