Xurree ittiin seenan

Breaking News

Atileetotii addunyaa jajjaboon maratoonii Londonii fi Bostoniif walti kophaa’uutti jiran


Runners cross the start line in the women's division of Boston Marathon Monday, April 20, 2015 in Hopkinton, Mass. (AP Photo/Stephan Savoia)
Runners cross the start line in the women's division of Boston Marathon Monday, April 20, 2015 in Hopkinton, Mass. (AP Photo/Stephan Savoia)
Atileetootii Addunyaa jajjaboon dorgommii Londonii fi Bostoniif walti kophaa’uutti jiran
please wait

No media source currently available

0:00 0:04:49 0:00

Bosoonii fi London dorgommii IAAF, Federeshiiniin Waldaa Atileetiksii Addunyaa qopheessu keessaa tokko.Dorgommii Boston ganna 122 duratti jalqaban.

Baranallee nama kuma kurnya hedduu, atiletota addunyaa bebeekamoo dabalee dorgommii tanaaf walti dhufuutti jira.

Akka leenjisaa Toleeraa Dinqaa Fifninnee irraa dubbatetti Lammii Birhaanuu fi Sisay Lemmaa atileetota Itoophiyaa jajjaboo waan hedduu irraa eegan. Lammiin dorgommii Boston bara 2016 irratti tokkeessoo tahee moo’e. Gama dubraatiin ammoo Atsedee Baayyisaatti moo’e.

Maratoonii Londoniifillee atileetoa addunyaa jajjaboo hedduutti walti qophaa’uutti jira.Itoophiyaan Xurunesh Dibaabaa, Asellefechi Margaa, Qananiisaa Beqqelee,Maaree Dibaabaa,Tigisti Tufaa, Abarruu Kebedee fi nama hedduu.

Atileeti Fayyisaa Lalisaallee atileetota maratoonii Londoniif ufi qopheessuutti jiran keessaa tokko.Lamii Birhaanuu Maratoonii Boston 2016 moo’e.Sisay Lemmaa ammoo dorgommii Dubaahii irratti beekama.

Namii dorgommii Boston moo'e badhaasa doolara uma 200 caalaa argata ka Londonillee hori kuma dhibbaa harata.

Atileetotii Oromiyaaleen gama kaaniin dorgommii Shaampiyoonaa kilaboota Oromiyaa 20 caalaan irratti wal dorgomaniif qophiitti jiran.

Rekordiin maratoonii Boston ammallee dhiiraa fi dhalaalleen harkaa atileetota Keenyaa Geoffrey Mutai fi Rita Jeptoo jirti bara 2014 keessa moo’ani jirti.

Maratoonii Boston Ebla 17,2017 jalqaban ta London ammoo Ebla 23,2017.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG