Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dorgommii Kilaboota Kubbaa Miilaa EPL ta baranaa Leyister Sitiitti (Leicester City) Moo'e


Kilabiin tun (Leicester City) maqaa the Foxes jedhamulleen hin beekamti magaalaa Leicester keessa jirti.

Bara 2013-2014 dorgommii English Premiere League (EPL) keessatti oli guddisan.

Achii kaatee barana waan ganna 132 keessatti argattee hin beenne yoo jalqabaatiif Chaampiyoonaa bara 2015-2016 taate maqaan istaadiyoomii isii King Power Stadium.

Leyister Sitii
Leyister Sitii

Tapha sanbata guddaa dabree, Caamsaa,1,2016 irratti Tottenham Hotspurii fi Chelsiin 2-2 walqixxee bahaniin milkooftee moote.

Carraa isiitti moosise malee silaa Leyisterii fi Tottenhaamiiyyuu tapha lama lamatti hafaaf taatullee Tottenhaam sadarakaa lammeessoo argachuuf qabxii sadii qabaachuu malte.Kilabiin (Leicester City) bara dabre keessaa diqqumaa EPL keessaa hin bahin tun shaampiyoonaa waan taateef $miliyoona 222 dhiyaattu badhaafamte.

Eegii Leyister shaampiyoonaa taateen duubatti dhaabbileen hedduun maqaa kilabii tanaatiin beessisa (commercial) baafachuutti jiran.

Shaampiyoonaa EPL
Shaampiyoonaa EPL

​Namii Facebook fi Tiwitteriin kilabii tana jaalatu %500 dabaleef.

Tana keessaa namii %16.7 Aljeeriyaa.Gurbaa Aljeeriyaa kialbii Leicster keessa taphatu, Riyad Mahrez ka barana Player of the Year (PFA) taphataa baranaa beekamaa jedhamee badhafametti kilabii tanaa jaalala dabale.

Manaajerii kilabii tanaa nama Xaliyaanaa, Claudio Ranieri.Eegii kilabiin tun mooteen duubatti namii kilabii tana jaalatu %2,293 dabaleef.

Abbaan Kilabiin tanaa dureessii Taaylaandi biliyineerii beekamaa Vichai Srivaddhanaprabha kilabii isaa tana caala guddifahcuuf waadaa ufii galeef.

Shaampiyoonaa EPL
Shaampiyoonaa EPL

Woma taateefuu Leyister waan ganna 132 keessatti argattee hin beennee barana Shaampiyoonaa English Premiere League taatee gammachuun lafa dhiituutti jirti.

Akkuma isiin shaampiyoona taateen diqqaa fi guddaalleen gammachuuf karaatti baafate.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG