Xurree ittiin seenan

Breaking News

Miila cabsatanii caphaa hidhatanii,dhidhiibatanii itti deebihan.Jarii dorgommii AFCONf walti hafte hardha dirree Gaabonti walii yaa'a


AFCON 2015
AFCON 2015

Saddeettan walti hafan keesaa hardhaa fi boriitti 4tti walti hafa, dorgommiin waancaa kubbaa miilaa Afrikaa 31essoo dhumachuuf fagoo hin jirtu.

Jarii 8n walti hafe ammoo walti falachuutti jira.Hagii tokko takkumaa waancaa Afrikaatuu hin arganne,hagii tokko takkumaa sadarkaa amma jiru kana hin geenne kaan ammoo akka nugusa kubbaa miilaa faarsan.Biyyootii dorogommii waancaa Afrikaa,AFCON 2017 walti hafan waan faarsaniin hedduu qaban.

Dorgommiin kubbaa miilaa Afrikaa dorgommii FIFAn tohatu keessaa tokko.Taphatoota Afrikaa hedduutti walti dhufa.

Ka milkaahe achumatti gabayaa argatee kilabiin Awurooppaa faatilleen bitachuu eegatti.Dorgommii AFCON 2017 biyya saddeetitti walti boqonnaa guyyaa lamaatiin duubatti taphatti deebihan.

Burkiinaa Faasoo fi Tuniiziyaa:

Biyyootii tun istaadiyoomii Librivilee keessatti tapahtan. Burkiinaa Faasoo qaraa istaadiyoomii kana keessatti marroo lama taphatte.Tuniiziyaan ammoo asi keessatti Zimbaabuwweeti goolii afur faatee waliin gadi lakkifte dorgommii keessaa baafte.

Leenjsiaan Burkiinaa Faasoo nama jalqaba taphatuuf dubbachuu hin fedhu.Wannii mirkanaa ammoi Bernardi Tiraahoree hin hafuu jedha. Taphii jajjabaa,garee jajjabduun walti marree moohuuf ammo carraa guddaa qamnaa jedha.

Tuniiziyaan ammoo baranallee akka namii eege caalaa taphatte.Aljeeriyaa moohuun isiituu waan mamaati.Kilabiin goolii hedduu galfatteeyyuu isii.

Tapha biya tana lamaanii keessatti gurbaa Burkiinaa Faasoo Charles Kabore ilaan barbaadaa waan innii kubbaa tolchu qofa laalaa.

Adoo isaa dubbannuu gurbaan Chelsiin ergifatte ka amma Burkiinaa Faasoo taphatu Bertiraandi Tiraahoree isallee quba qabaadhaa.Namii hagii tokko Tuniiziyaatti moohaa jedha.Isan hoo?

Senegaalii fi Kaameruun

Jarii kun lachuu Afirkaa gama Dhiyaatiin qubata.Senegaal akka sadarkaa FIFAn bara 2017 basen 33ssoo jirti.dorgommii AFCON ta baranaa irratti ykn hin mooti ykn walqixxee baati malee takkumaa hin moohamne.

Kaameruunilleen akkasuma.Jarii Senegaaliif dura taphatu jajjabaa,ka jidduu taphatullee sibiiluma.Saadiyoo Maanee dura taphateefii namii isaa duubaa kubbaa goolii irraa ittisu duubaan jiraannaan dhibii hin jiru.

Kaameruuni durii garee jabduu jedhanii ganna kurnya tokkoo faarsan taana Gaabon dhuftee warra tuffatan taate.Silaa gaafa Burkiinaa Faasoo waliin taphatte suniiyyuu moohuu malte. Taatullee dubumaa dhuftee Giinii Bisawu moote.

Senegaal ijoollee jajjabduu guurrattee dhufteen.Warrii mirgaa fi bitaa taphatuuf lamaan Baldee fi Keyitaan warra akka dhukkubaa ufi irraa eegan. Jidduu isaanii ammoo Maamee Biraam Diyuufitti taphata.Tanaaf goolii galchuuf carraa guddaa qaban.

Senegaal goolii lamaan ykn sunii oliin moohuu hin ooltu jedhanii eegan.Kaameruunilleen diriirfattee goolii ufitti gadi hin lakkiftu silaafuu

Gaanaa fi DRC:Jarii kun ammoo Sanbata guddaa walti bu’a.

Garee D keessaa jara kana lamaanitti oli bahee mullate.DRC akkuma milkii Ayvori Koosti mootee Toogoolleen akkasuma mootee dorgommii baafte.Warrii kubbaa goolii irraa ittisuuf ammoo jara jajjabaa ka goolii eegulleen jajjabaa qabdi.

Gaanaan ammoo daqiiqaa 90n walii galanii tapachuu qaban jedhani eegan.Taatullee gooliin jarii jalqaba irratti Maaliitti galche waan akka malee nama gammachiise.Taatullee dandeettiin gurbaa jarii abdatuu,Asamoah Gyan waan nama shakkisiisaati barana.

Masrii fi Morookoo

Jarii kun Ammajii 29 istaadiyoomii Port Gentil keessatti wayaa keessaa waliif yaa’a.Masriin nugusa kubbaa miilaa Afirkaa jedhaniin taan dheebuu ganna torbaa waancaa AFCON itti hin argatin baatu malee waan galtu hin fakkaattu.

Tapha dhiyoo irratti Gaanaa mootee asi geette.Mohaammad Saalaatti miila bitaacha itti dagalchee daqiiqaa 11 irratti goolii keessa buuseef.Masrii siyaasaa biyya isii ka miila gadi dhaabachuu didetti kubbaa irraa dhaabe malee silaa dorgommii Afirkaa keessaa hin haftullee.

Taatullee Masriin ammallee akka dansaa ufi hin mullifne jedhanii eeguutti jiran.Namii jarii abdatu Mohaammad Saalaa ufii goolii galchee nama galchuulleetti kennullee ammallee jabeennaa fi dandeettii kubbaa ka isa irraa eegan hin mullfine jedhaniin.

Morookoon dorgommii AFCON tana keessatti ajaahibaa hojjachuuf eegan.Taatullee DRC waliin taphattee moohamun isii waan afaan nama qabachiisaati.

Masriin Saalaa abdatti Mohaammada Elnenyi namichii siin Arsenaal keessaa yaammatte kaan ammoo kubbaa akka bineensaa dirree keessa adamsa.

Warrii kubbaa goolii irraa ittisuuf ammoo nama akka Ali Gabr fi Ahmed Hegazy faatilleen warra dirree jidduu keessa kubbaa quphanu dhowwu.

Morookoon mala nama guddaatiin tapahtti Masriin ammoo maqaa fi humnaan taphatti.

Hayyee dorgommii Waancaa Afrikaa 31essoo warri walti hafe guyyaa lama boqotee cabaa hidhatee,meeluu dhidhiibatee,hafruu fudhatee itti deebiittijira.Waan maal tolchan seetan eennutti maaliin galata seetan?

XS
SM
MD
LG