Xurree ittiin seenan

Dorgommii Kubbaa Miilaa Oromoo Amerikaa Kaabaa Waxabajjii 30,Ontaariyoo Kanadaatti Jalqaban

  • Soraa Halakee

Oromoon Amerikaa gama Kaabaa baruma baraan dorgommii kubbaa fi marii gara garaatii jedhee walti dhufa.Waan nama hedduu walti fidu keessaa tokko dorgommii kubbaa miilaa, Federshiiniiniin Kubbaa Miilaa Oromoo Amerikaa gama Kaabaa,OSFNA,qopheessuu.

Dorgommiin baranaa Waxabajjii 30,bara 2012,Ontaariyoo,Kanadaatti jalqaban,torbaan tokkoof turiti.

Obbo Kamaal Mohaammada,itti gaafatamaa odeeffannoo OSFNA.”Dorgommii baranaatti gareellee haga 20 caalanitti dhufaa..haga ji’a keessa jirru kana gareeleen galmaahuu dandahu.”

Akka jecha obbo Kamaalitti,OSFNA-n Oromoo ummata biyya keessa jiruutiin wal barsiisuu qofaa mitii,aadaa fi seenaa isaa dabalee waan hedduu agarsiisa.Kilbiin akka Germany fi Greek faalleen dorgommii hawaasa Oromoo irraa nama bitachuun fkn tokko

Fedhiin OSFNA akka jecha obbo Kemaalitti akka maatiileen Oromoo garuma jiranii dhufanii jireenna isaanii fi tokkummaa isaanii waliin jabeeffatan tolchuuf.

Federeshiiniin OSFNA nama dhufuu fedhullee hoteellii akka jecha isaaniitti gatii laaftuun kotiraata fuudhee qopheesse. Koottaa waliin gammannaa jedhee yaamuutti jira.

Mee mp3 irraa nu caqasaa.

XS
SM
MD
LG