Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dorgommii U-17 Meksikootti,dorgommii CONCACAF ammoo USA-tti itti jiran.


U-17 dorgommii Fedireeshiiniin kubbaa Miilaa Addunyaa(FIFA)n qopheessu.Ijoollee gannii isaanii 17 gadiitti addunyaa walti dhufee taphata.Dorgommii marroo 14eessoo tana amma Mexicotti taphahcuutti jiranii Adoolessa 18 bara 2011 dhumatti.

Garee 24tti taphataa magaalaa ykn dira 7 keessatti taphatan.Garee Afrikaa dabaran keessaa tokko Rwaandaa,England waliin taphattee 2-0 moohamte.

Gama kaaniin ammoo dorgommiin biyya North Amerikaa jedhan ta akka USA,Canda fi hedduun ganna lama lamatti taphatan ta CONCACAF ykn Gold Cup jedhanillee kutaa Amerikaa ta akka akkaatti itti jiran.USA dorgommii kalee galgalaatiin Jamaica 2-0 moohatte.USA tana qofaa mitii dorgommii U-17 irralleetti garee Chezch Republic 3-0 moohatte.

Gama kaaniin ammoo dorgommiin km 24 ta Ethiopian Great Run jedhan kalee Finfinneetti dorgoman gama naannootiin Oromiyaatti moohate.

Qophii Ispoortii hardhaa MP3 irraa nuu caqasaa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG