Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dorgommiin Kubbaa Miilaa “Oromiya Cup” Sabbataatti jalqabe.


Dorgommiin akkanaa tapha “Premier League” Itoophiyaa ka Onkololeessa keessa jalqabu jabeessuuf taha. Gareen Kubbaa miilaa Oromiyaa Fulbaana 22-26 bara 2003 magaalaa Sabbataatti taphachuutti jiran.Fedhii fi karoorii garee tanaa akka oduu fedireeshiinii kubbaa miilaa Oromiyaa irraa arganeetti kubbaan miilaa Oromiyaa jabeessuu fi guddisu.

Gareelee Oromiyaa ta “Premier League” keessa taphatan ka Sabbataatti taphachuutti jiran keessaa;Warshaa Simintoo Muuger,Bulchiinsa Magaalaa Sabbataa fi Warshaa Sukkaara Fincaahaa faa bulchiinsa Magaalaa Adaamaatti qofatti hafe.

Akka obboo Kebbedee Warquu raawwata Federeeshiinii kubbaa Miilaa Oromiyaatti gareelee kubbaa miilaa Oromiyaa gareelee Itoophiyaaf taphan keessaayyuu haga guddaan jiran.Jarii taphatu kun dorgommii Itoophiyaa “Premier League” Onkololeessa 13 bara 2003 jalqabuuf qophaahaahuutti jira.

Mee tana irratti waan obbo Kebbedee Warqu gaafanne MP3 irraa caqasaa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG