Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dr Nagaasoo Gidaadaa Paartii Mormituu Hogganuuf Filataman


Dhaaba mormii polotikaa Itiyoophiyaa keessaa Paartii Tokkummaa Dimookiraasii fi Haqaa jedhamuu hoogganaa haarawaa Dr.Nagaasoo Gidaadaa filate.Jaarmayaan isaanii, Mootummaa abbaa-irree mormii ukkaamsuutti fuuleffate taayitaa irraa kaasuuf ,hojiin guddaan kan isa eeggatu tahuu dubbatan

Paartiin mummichA ministeera Itiyoophiyaa kan Mallas Zenaawii paartileen mormituu walaba ta’anii sosso’uu akka danda’aniif karaa saaqu qaba jedhu Dr Nagaasoon.

Sabaa himaa mootummaa gargaaramuun gareelee mormituu hammeesuu kan ilaaleen yaaddoo jabaa kan qaban ta’uu Dr Nagaasoon ibsanii sagantaa kutaa sadiin dhiyeenya kana Televiziyoona mootummaa irratti dhiyaate kan Akeeldaamaa jedhamuutti quba qaban.

Dubbi himaan mootummaa Itiyoophiyaa shimalises kamaal akka jedhantti, sagantaa Akeeldaamaa dhiyeesuu kan barbaachiseef sodaa shoroorkeessuummaan biyyatti keessatti uume ilaalchisee lammiwwan biyyatti akekkachisuufi.

Humni farra shoroorkessuummaa kan mootummaa Itiyoophiyaa, waan qoratee bira ga’e ifatti uummataaf dhiyessuun hojii isaa ti kan jedhan shimelles, deemsa dimokraatawaa kam iyyuu keessatti kun tarkaanfii sirrii dha jedhan. Gabaasaa guutuu MP3 tuquun dhaggeffadhaa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG