Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dubbii obboo Beqqelee Garbaa faa ammallee guyyaa 28 duubatti ilaaluuf beellaman


Obboo Beqqelee Garbaa
Obboo Beqqelee Garbaa

Itti gaafatamtootii Kongireesii Federaalsiti Oromo(KFO)hardha mana murtii federaala Araadaa fidan;obboo Beqqelee Garbaa,itti aanaa dura taa’aa KFO, obboo Dejenee Xaafaa itti aanaa barreessaa paartii tanaatii fi obboo Destaa Dinqaa, itti gaafatamaa Liigii Dargaggoo KFO fa.

Obboo Beqqelee fi miilota isaa rakkoo hiriira mormii barattoota Oromoo ji’a afurin duratti jalqabdeen irratti dhalatte jedhanii shakkanii hidhaan jiran.

Poolisiin ammallee dubbii isaanii qorahcuuf beellama gaafattee beellami itti aanu guyyaa 28tiin duuba Ebla7, 2008.

Fulaan obboo Beqqelee fa itti hidhan jedhan akka maatii obboo Dejene Xaafaa fi gabaasii gara garaa jedhutti mana dhippaa waan taheef hirriiraba dhaban fincaaniifillee gadi bahuuf waan rakkatanaaniif fayyaan isaanii balaa keessa jirti jedhan.

Obboo Beqqeleen faatii asiin duralleetti mirgaa keenna nuu hin eegamne jedhanii Amajjii dabarte keessa midhaanii fi bisaanillee lagatan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG