Xurree ittiin seenan

Breaking News

Atileeti Eebbisaa Margaa Ijjiguu Maratoonii Kubek,Kanadaa moo’ee mallattoo mormii Oromoo garsiise


Atileeti Eebbisaa Margaa Ijjiguu maratoonii Kubek moo'ee mallattoo mormii Oromoo agarsiise
Atileeti Eebbisaa Margaa Ijjiguu maratoonii Kubek moo'ee mallattoo mormii Oromoo agarsiise
Atileeti Eebbisaa Maragaa Ijjiguu maratoonii Kubek, Kanadaa moo'ee mallattoo mormii Oromoo garsiise
please wait

No media source currently available

0:00 0:07:05 0:00

Qara atileeti Fayyiaa Leellisaa Olompikii Riyoo irratti jalqabe.Amma ammoo Eebbisaatti itti aanse.Jarii lachuu woma woma tokko jedha:”Rakkoo ummanni keenna,Oromoo keessa jiru addunyaatti agarsiisuuf.”

Eebbisaan nama ganna 27 ti.Bara 2008 keessa fiigicha jalqabee haga guddaan maratoonii dorgoma.Durii hojjataa mootummaati koollejjii eebbifamee jedha.Atileeti Fayyisaa Leellisaa walilleen ya leenjifamee walilleen dorgome.

Bara 2010 keessaa biyya akka akkaa deemee dorgommii biyya alaallee hedduu deeme.Dorgommii qaraa Xaliyaana magaalaa Florence eegee ammoo Chaayinaa, ngiliiz, Indiyaa, Silovaakiyaa fi biyya akka akkaa dhaqe.

Atileetiin kun Ebla 21,2016 ji’a afuriin duratti dorgommiif Kanadaa dhufee “dhiibbaa narra gahaa waan turee harka kennadhee hafe.”

Maratoonii km 42.195 kalee,Hagayya 28, 2016 Kubek,Kanadaatti qophessan 2:30:43 irratti fixee tokkeessoo tahe mallatoo mormii Oromoo agarsiise.

“Malattoon kun mallattoo ummatii Oromoo diddaa harqoota garbummaa ufi irraa buusuuf agarsisiaa jiru.Dorgommii tana fixuuf metirii 50 naaf hafnaan mallattoo mormii Oromoo agarsiisee erga fixes isuma san agarsiise,”jedha.

“Ummatii keenna garbummaa ufi irraa buusuuf ilaalcha addunyaa barbaadaa jedhee gaazexeessitota na gaafatanitit hime,” jedhe Eebbisaan.

Akka inni jedhutti namii dorgommii akkana irratti mallattoo kana agarsiisuun seera malee jedheenilleen hin jiru.

Eebbisaan amma kilabii Toronto Olympic Club jedhanii Kanadaa keessa jirtuuf dorgoma. Wayaa kilabii sunii keeyyatee dorgoma.Itoophiyaaf lammata hin dorgomu biyya Kanadaa jiraachuufillee eeyyama argadhee jedha.

Eebbisaan adoo lammeessoo ykn ammoo dadhabee dorgommii keessaa bahee,ykn ammoo fkn 50esso bahelleen mallattoo kana agarsiisuu hin dhiisuu jedha.

“Nama tokkoffaa bahe maraa miti kan agarsiisu.Bakkuma feetettu waan ibsachuu yaadde agarsiisuu qabda.”

Dorgommiin maratoonii atileeti Eebbisaan akka dansaa moo’ee rekordii qabu ta innii bara 2011 keessa Indiitti dorgome 2:12:03 fixe.

XS
SM
MD
LG