Xurree ittiin seenan

Breaking News

Eertiraan dorgommii CECAFA bara 2010 qopheessiteef galta argatte.


Dorgommiin Kubbaa Miillaa Ijoollee Ganna 17 Gadii irratti Walmorkatan Dargogoota Egerii Biyya Fulaa Bu’an Filachuuf

Magaalaan Baatuu ji’a Hagayyaa dabarte keessaa muddamsuu akka akkaa keessa turte.Gareen 23 ta naannolee Itoophiyaa sagalii walitti dhufan dorgommii Kubbaa miillaa irra turan.

Dorgommiin tun bara 2000 akka haaraatti jalqabdullee dorgommiin waggaa hedduun duratti taate akka dargagootii waan gara garaatiin biyya fulaa bu’an argaman goote. Dorgommii baranaa irratti dargaggootii Oromiyaa fulaa bu’anii dorgoman Adaamaa,Shaashamannee fi Jimmaa irraa dhufan. Obbo Anbessee Magarsaa Biiroo Dhimma Dargagoota Oromiyaatti Geggeessaa Adeemsa Hujii fi Babalinna Ispoortii ti.Kaayoon teenna “dargaggoo biyya teenna bakka bu’an sadarkaa adda addaatti dorgomuu dandahan horachuu dha, inni guddaan” jedhu.

Dorgommii Hagayya 15 bara 2002 dhumattu tana irratti garee moohatteef badhaasa adda addaati kenname.

Gama kaaniin ammoo “CECAFA”n dorgommii kubbaa miilaa biyyoota Afrikaa gama Bahaatii fi Jiddu-galaa magaalaa Eertiraa, Asmaraatti jalqabde. Qophii baranaa ta Hagayya 14 bara 2010 jalqabde tana ijoollee gannii isaanii 20 gadii, ka U-20 jedhamanti irratti dorgoma. Biyya Yemen ta akka keessummaatti yaamamtee dorgomte malee dorgomtoonni kaan biyyootuma Afrikaa ti. Ertiraan qophii baranaa tana akka dansaa qopheessite jedhamte, tapha qaraatiinillee Tanzaniyaan 1 fi 0n moohatte.

Zaanzibaari Yemen 2-1n galchite, Soomalee fi Suudan ammoo 0 fi 0n gargar galan.Ugaandaan ammoo Rwaandaa 3 fi 1 mootee taphaa galchite, Tapha jalqabaa jechuu. Istaadiyoomin Ertiraa ganna hedduu asitti qophii akkanaa kopheesseetuu hin beeku, qophiin bara 2002 tun ammoo guddoo oowwiteefii galatallee argatte.

Bulchoota kubbaa miilaa Ertiraa fi koreen qophii tana qopheesse Uummati Ertiraa waan dandahu cufaanuu qophii tana kopheeesse, jechuun faarsan. .Prezdaantiin CECAFA, Leodegar Tengaallee qophii tanaaf Ertriaaf galata galachan.

Tapha CECAFA kana irratti Itiyoophiyaan hin argamne.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG