Xurree ittiin seenan

Breaking News

Eertraan Loltoota Itiyoopiyaa Hedduu Fixe Jetti Itiyoopiyaan Immoo Eertraan Ofiifuu Naasuu Keessa Jitri Jette


Faayilii -Loltoota Eertiraa, Guraandhala 17, 2001.
Faayilii -Loltoota Eertiraa, Guraandhala 17, 2001.

Haleellaan dilbata darbe jechuun Dilbata darbe Waxabajjii 12 bara 2016 mootummaa TPLFn magaalaa Ertraa naannoo Tsorona jedhu irratti raawwatame Wixata darbe Waxabajjii 13 loltoonni isaa hedduun dhumachuu dhaan raawwatame jedha ibsi marsariitii ministeera odeeffannoo Eertraa irratti maxxanfame.

Loltoonni IHADEG bakka duraan daangaa darbanii haleellaa itti raawwatan keessaa baqachuuf dirqaman jedha ibsichi.

Akka ibsa kanaatti Haleellaa maal na gara jabinaa akeeka isaa kana jechuun nama dhibu geggeessaniin loltoonni TPLF 200 ajjeefamanii kanneen 300 ol ta’an madaa’aniiru.

Ministeerri kominikeeshinii mootummaa Itiyoopoiyaa obbo Geetaachoo Reddaa kan kan mootummaan Ertaa jedheef deebii kennanii jiran. Waahilli Sagantaa Afaan Amaaraa Henok Semegzer gaaffii fi deebii obbo Geetaachoo waliin geggeesseen miidhaan hagamii akka dhaqqabe akka ibsanfiif gaafattt ture akkas jedhan.

Barbaachisaa dha jennee hin amannu. Sababiin isaas namatu du’e jennee nama jajjabeessinu waan hin qabaanneef. Akka mootummaa Ertraa kana goona sana hin goonu hin jennu. Ergaan barbaachisu darbeera. Hojiin hojjetamuun irra ture hojjetameera. Ergaan tokkichi sanuma jedhan.

Obbo Geetaachoon akka jedhanitti angawoonni Ertraa miidhaan hagamii akka ga’e iyyuu tilmaamuu hin dandeenye. Waraanni baqataa jiru kan ofiifuu bitaa itti gale maal akka ta’e illee hubachuu hin dandeenye jedhan.

Eertraan Loltoota Itiyoopiyaa Hedduu Fixe Jetti Itiyoopiyaan Immoo Eertraan Ofiifuu Naasuu Keessa Jitri Jette
please wait

No media source currently available

0:00 0:01:57 0:00
Xurree marsariitii

XS
SM
MD
LG