Xurree ittiin seenan

Breaking News

EL NINOn Afriikaa gama kibbaa fi gaanfa Afriikaa keessatti mudatu sodaa uumee jira


Dhaabbata Qorannaa Deemsa Meetrooloojii Keniyaaf, qorataa Metrooloojii gameessa ka ta’an – Onesmos Ruirii – bara 1997 if 98 ennaa El Niinoon miidhaa hamaa dhaqqabsiise yaadachuun dubbatan. El Niinoon bara sanaa, eega bara 1950 qorattoonni saayinsii haala qilleensichaa galmeesuu jalqabanii as, Addunyaa irratti irratti qilleensa hamaa isa cimaa akka ta’eetti ilaalamee ture.

Barri kun, barri kuma lamaa fi kadha-shanis, akkamuma baroota 1997 fi 98 sana, bara El Niinoo isa cimaa ta’uuf deema – jedhu – Ru’iriin.

El Niinoon haw’a qillensa naannoo Tuujiii Paasifik, ka walakkeessaa fi naannoo Ikuwaatorii ti. Gara waggaa lamaa fi waggaa toorba gidduutti deddeebi’ee dhufa. Qilleensa addunyaa irratti dhiibbaa hamaa qabaachuu mala - Bulchiinsa Tuujii fi Qilleensa Naannoo, ka magaalaa Waashington DC jiru irraa – Hayyuun Meetirooloojii – TOM DI LIBERTO akka jedhanitti.

Yeroo qilleensi El Niinoo dhufu, biyyoota Afrikaa gama Bahaa Rooba jabaa tu mudata. Biyyyoota Afrikaa gama Kibbaa, Awustraliyaa fi Indooneeziyaan faa immoo, caama hamaa fi ibiddawwan Bosonaatiin miidhaman.

please wait

No media source currently available

0:00 0:01:54 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG