Xurree ittiin seenan

Breaking News

Afrikaa, Ardiin ka’ima miliyoona hedduu jaarrolee bulchiinsa irratti dulloomaniin bulti


Kora bulchootii Afrikaa Jappaanitti taa'an,bara 2013
Kora bulchootii Afrikaa Jappaanitti taa'an,bara 2013

Qabeenna ummamaa qofaa mitii, Afirkaa waan hedduun beekan.Ummatii Afrikaa hagii guddaan nama kahimaati. Ardii tana yoo hedduu bulchoota bulchiinsuma irratti jaaranii dadhabanillee maatii fi firaa dabarsan hedduu qabdi.

Addunyaa keessaayyuu akka Tokkummaan Mootummootaa jedhutti biyyootii nama kahimaa hedduu qabaachuun beekaman 10n Afrikaa.

Ijoolleen kahimaa tun hagii guddaan 20 gadi.Yoo walti deebisan ammoo ganna 37.9.Taatullee yoo akkam diqqaate Afrikaa keessaa bulchootii biyya saddeetii ganna 20 oli biyya bulchan.Jara kana gannii isaanii hagii guddaan 72.

Porofeeser David Kiwuwaka Amerikaa yuniversitii Pirinsitonitti qorataa walitti dhufeenna addunyaati. Bulchootii Afrikaa bara hujii ufii nagaan fixatani nagumaan jiraachuu malee maaniif haga dulloomani chochohuu dadhabanitti irratti cichan jedhee gaafata.

Ijoolleen Afrikaa miliyoonii hedduun bulchuma tokko beekan.

Mee bulchoota Afirkaa bulchiinsa ufumatti dhuftan keessaa:


1.Pirezidaantiin Ikuwaatoorilaal Giinii Teodoro Obiang Nguema, nama ganna 74; ganna 37 biyya bulchee.Sunuu bara 1979 keessa mootummaa abbaa isaa guddaa,obboleessa abbaa isaa gara galchee mootummaa fudhate.

2.Jose Eduardo dos Santos,pirezidaantii Aljeeriyaati, ganna 74 ganna 37 biyya bulchee bara 2018 keessa hin dorgomuu jedhee ufi irraa dhiise.


3.Rooberti Mugaabee pirezidaantiin Zimbaabuwee nama ganna 92,ganna 36 biyya bulche bara 2018 keessalleetti paartiin isaa dorgommii pirezidantumatiif isuma filatte.Gaafasitti gannii Mugaabee 94 taha.

4.Pirezidaantiin Kaameruun, Paawul Biyyaa nama ganna 83 ganna 34 biyya bulche bara 2008 keessatti ammoo akka paartii isaatii tahutti seera biyyitii bultuun jijjiire.


5.Yuweerii Misiveenii, pirezidaantii Ugaandaati.Nama ganna 72 ganna 30 biyya bulche.Ganna shanan dhufaallee isatti biyya bulcha.


6.Nugusii Siwaazilandi Sadeessoon Mswati III,ganna 48 ganna 30 biyya bulche. Abbaan isaa ka ufiifuu nugusaa lubbuu dhabee jennaan gaafa gannii isaa 18 nugusa tahe.


7.Pirezidaantiin Suudan, Omar al-Bashir, nama ganna 72 ganna 27 biyya bulche bara 1989 keessa irreen mootummaa fudhate.

8.Pirezidaantiin Chaad,Idriss Deby, nama ganna 64 ganna 26 biyya bulche. Filannoo ganna shanan itti aantullee isumatti biyya bulcha.

9.Denis Sassou Nguesso,pirezidaantii DRCti.Jaarsa ganna 73ti qaraa ganan 19 biyya bulche.Suniin duralleetti bara 1979 haga 1992 muummee minsiteraa tahee hojjate.

10.Pirezidaantiin koongoo DRC Joosefi Kaabilaa nama ganna 45 ti ganna 15 biyya bulchee.Bara 2001 keessa abbaa isaa ijjeesanii jennaan ufii itti dabree ammallee ittuma jira.

Barii filanno isaa Muddee 20,2016 dhumatee taatullee filannoon itti aantu yoom akka taatu womaa hin jenne.

Woma taateefuu Afrikaa,ardii kahima miliyoonaa jaarrolee bulchiinsa irratti dulloomanii achii ammoo firaa fi fiixaa dabarsanitti harkaa qabaa bulchuutti jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG