Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ertraan gaazexeessota Hedduu Hidhuun Beekamti jedha CPJn.


Gareen mirga gaazexeessotaaf falmu CPJn gabaasa isaa kan waggaa baaseen biyyootiin Africa sadii jechuunis Ertraa, Itoopiyaa fi Ghanaan biyya addunyaa irraa gaazexeessota daararuun beekaman jedhee jira.



Biyyootiin kun adeemsa seeraa malee yakki ilaalchi utuu irratti hin dhiyaatin gaazexeessota mana hidhaa keessatti ugguruu dhaan tajaajjila seeraa illee akka hin arganne mirga isaanii mulqu jedha gabaasi CPJ.

Mootummaan Ertraa haalli gaazexeessota mana hidhaa jiranii sadarkaa maalii irra akka jiru gaafatamus ibsa kennuuf tole hin jedhu kan jedhe CPJn Itiyooaan immoo addunyaatti yeroo of beeksistu walabummaan yaada ofii ibsachuu fi dimokraasiin biyya koo keessa jira jetti. Dhugaan isaa garuu kana irraa fagoo dha jedhu CPJtti qindeessaan sagantaa Africa Mohamed Ketta.

Gama Itiyoopiaatiin angawaan mootummaa maqaan isaanii akka tuqamu hin feene tokko gabaasa CPJ kana balaaleffatanii kanneen mana hidhaa keessa jiran yakka hojjetaniin malee oguma isaaniin kan wal qabateen miti jechuun haalan.

Gabaasa guutuu MP3 tuquun dhaga’aa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG