Xurree ittiin seenan

Breaking News

Itiyoopiyaan Miseensa Kaawunsilii Mirga Namaa Kan Tokkummaa Mootummootaaf Filatamte


UN human rights commission
UN human rights commission
Itiyoopiyaan miseensota 47 kan of keessaa qabu miseensa council mirga namaa kan tokkummaa mootummootaa taatee filatamuun ishee kan ibsame kaleessa ture. Biyyattiin councilichaaf kaadhiamamtuu gochuun ofii ishee erga dhiyeessitee qabee qaamotii adda addaa biraa deggersii fi mormiin dhiyaachuu erga jalqabee garuu bubbuleera.

Itiyoopiyaan miseensa counslichaa ta’uuf ulaagaa kan guuttu ta’uu mootummaan ibsee jira. Amabsador Diinaa Muftii VOAf akka ibsanitti Itiyoopiyaan akka lak. hanga bara 2006tti miseensa komiishina mirga namtaa ta’uunis yeroon itti tajaajilte tureera jedhan. Miseensummaaf gaafii kan dhiyeessites waggaa tokko dura ta’uu isaaf gaaffiin sunis qoratamaa turuu isaa dubbi hiamaan minitera dhimma alaa Ethiopia Ambasador diinaan ibsaniiru.

Ambaasaaddor Diinaan akka jedhanitti komishinichaaf maaltu miseensa akka taatu kan ishee dandeessisu mara dhiyeeffattee jirti. Sakarkaa addunyaattis dhimmootii mirga namaan wal qabatan irratti Itiyoopiyaan maal gochuun akka irra jiraatu dhiyaatee ilaalameera.

Fakkeenyaaf mirga namaa kabajuu ilaalchisee seerawwan jiran kabajuu, seerawwan loogii sanyii morman kabajuu, mirga dinagdee, aadaa fi hawaasaa kan tokummaa mootummootaa gama kabajuutiin sadarkaa ardiitti dhimmootii mirga namaa eeganii fi eegisan kabajuu, bulchiinsa gaarii hundeessuu, sirna uummata hirmaachisu hundeessuu adarkaa addunyaatti hojii nagaa fi tasgabbii keessatti hirmaachuu ilaalchisee miseensa councilichaa akka taatu biyyootiin Afriikaa martinuu, akkasumas biyyoota 193 keessaa 178 Itiyoopiyaa filataniiru jedhan.

Mormitootaa fi gareeleen mirga namaa kan sadarkaa addunyaa garuu Itiyoopiyaan miseensa counicli mirga namaa akka hin taane sagalee isaanii dhageesisaa turan. Itti aanaa paartii Medrek fi itti gaafatamaan quunnamtii uummataa profesor Beyenee Peexroos har’a VOAf akka ibsanitti mormii isaanii kan ibsanii jiran.

Gabaasa guutuu dhaggeeffahdaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:05:38 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG