Xurree ittiin seenan

Mosee Hongee Dandamatu

  • Eskinder Frew

Qoannaan bultoota Walloo Kibbaa

Qoannaan bultoota Walloo Kibbaa

Walloo gama kibbaa Dasee irraa ka’ee gaarreen Xoosaa fi Garaadoo keessa kutee gara aanaa laga Ambootti namni deeme robin arfaasaa jiraachuu isaa hubachuu hin dhabu. Magariisi bitaa fi mirgaan argamus isuma kana dhugoomsa. Qonnaan bultoonni naannoo Sanaa akka jedhanitti waggaa darbe yeroo akkasii bifi dachii kanaa ka biroo ture.

Kun immoo uummata naannoo oomisha waggaaf rooba arfaasaa eeggatuuf yeroo rakkisaa ture. Uummati kuma 61 ta’us sagantaa misoomaa “safety net” jedhamutti haammatamee jira. Kanaaf jecha roobi arfaasaa amansiisaa ta’uu isaaf xiqqaachuun dinnicha naannoo sanatti akka qotamuuf sagantaa jalqabameef sababaa ta’e.

Dhaabi gargaarsa misoomaa Ameerikaa USAID karaa “concern Ethiopia” dhaaba jedhamuun deggersa maallaqaa kennee qonnaan bultoota kuma tokko gurmeessuun sagantaan jalqabame qonnaan bultoonni kummi ja’a akka irraa fayyadamaniif kan karoofame.

Concern Ethioiatti sagantaa misoomaa qindaa’etti qindeessaan prjektii gama kaabaa Indris Fayyisaa akka jedhanitti akeeki isaa karoorri isaa akka filannootti kan fudhatamuuf oomisha hongee dandammachuu danda’u beeksisuu dha.

Yeroo tokko kan facaafaman garbuu fi dinnicha ykn mosee hanqinni roobaa yoo isaan mudate, garbuun ni goga. Moseen garuu dandammatee turuu dhaan oomisha kenna jedhan.

Kanaaf jecha bishaan garbuun barbaaduu gadiin kan oomishamuu fi gatii gaariis kan baasu Mosee ykn dinnichi naannoo kanaaf akka filannootti dhiyaateera.

Gandeen magaalaa fi baadiyyaa kan qabu baay’inni lakkoobsa uummata Laga Amboo kuma 194 ta’uu ragaan angawoota naannoo biraa argame beeksiseera. Waggaa darbe roobi argaasaa boodatti hafuu isaatiin oomishi dhibba irraa harka 70 ta’e argamuu dhabuu angawoonni kun tuqaniiru.

Hoogganaan waajjira qonnaa aanaa Sanaa obbo Aliyyee Yimer akka jedhanitti sababaa Kanaan lakkoobsi qonnaan bultoota sagantaa Safety Net-n gargaaramanii akkaan dabale.

Sagantaa dhuma Kanaan kanneen deggeraman qonnaa bulaa kan ta’an Hasan Ahmed maasii dinnicha isaanii kan daawwachiisan keessaa tokko. Sagantaa USAIDn deggeramuuf dinnicha hongee dandammatu dachii waliin wal barsiisuu keessatti hirmaachuun isaanii gargaaramuu jalaa kan isaan baraaru ta’uu ni amanu.

Hongeen bakka maratti waan mudateef jecha wabii nyaataa mirkaneeffachuu hin dandeenye. Baatii ja’anuu mootummaan nu gargaaraa waan tureef, karoorri keenye hegeree gargaarsa sagantaa “Safety Net” kana jalaa baanee ofii keenya akka dandeenyuuf mootummaas akka hin rakkisne kaayyoo jedhu qabannee ti kan hojjetaa jirru jedhan.

Naannoo sana kan daawwatan Embasy Ameerikaa kan Finfinnee jirutti itti aanaa itti gaafatamaa gurmuu US Peter Viruman kan isaan daawwatan filannoo qonnaan bultoonni qaban kan babal’isuuf dandeettii isaanii kan guddisu ta’uu ibsaniiru.

Yeroo arfaasaa kanatti dinnichi ennaa biqilu arguun ka nama gammachiisu. Garbuu waliin Sirriitti waan biqile fakkaata. Hanga ammaatti naannoo kanatti garbuu qofaatu oomishama ture. Amma garuu dabaree oomishamu. Midhaan adda addaa dabaree facaasuu fi oomishuuf carraa argataniiru. Dinnicha dhaabuun oomishi argamu itti fayyadamuufis sanyiif ol kaa’uufis garbuu caala jedhan.

Yeroon kun sababaa EL NONOn kan ka’e deebii hatattamaa yeroo barbaadu. Sababaa kanaanis uummata Itiyoopiyaa miliyoona 10.2tu gargaarsi yeroo hatattamaa isaan barbaachisa. Ameerikaanis deebii yeroo hatattamaaf kan oolu maallaqa doolaara walakkaa biliyoonaa gumaachuu ishee ragaaleen USAID ni agarsiisu.

XS
SM
MD
LG