Xurree ittiin seenan

Breaking News

Angawonni Somaaliilaand Baqattoota humnaan Deebisuu Dhaabaa


Angawonni Somaaliilaand Hagayya 31 bara 2012 Baqattoota Itiyoophiyaa humnaan gara biyya irraa dhessaniitti deebisuu isaanii gareen mirga dhala namaaf falmu Hiyumaan Raayiits Waach gabaasee jira.

Irra hedduun isaanii ijoollee fi dubartoota kan ta’an baqattoonni Itiyoophiyaa humnaan biyyatti deebisuun kun seera addunyaatti baqatotaaf ba’e cabsuu dha jedha jaarmayaan kun.
Baqattonni Hargeeysaa irraa VOAf akka ibsantti, Hagayya 30 abbaan qabeenyaa lafa irraa baatilee kudha tokkoof qubatanii jiran irraa akka adeeman gaafannaan, lafa deemnu hin qabnu jechuu isaaniin walitti bu’insi uumame.

Sana booda polisiin biyyattii dhufee baqattoota irratti humnaan gargaaramee kan rasaasaan haleelame akka jiru illee dubbatan.

Gareen Hiyumaan Raayitis Watch akka jedhutti polisoonni namoota hanga tokko hidhanii eega bulchanii booda borumtaa isaa jechuun Hagayya 31, bara 2012 gara naanoo daangaatti geessuun Itiyoophiyaatti deebisan.

Kanneen Somaaliilaand keessatti hafan sadarkaa maalii irra akka jiran beekuun rakkoo ta’uu isaas ibsameera.

Gabaasaa Guutuu MP3 tuquun dhaggeffadhaa

please wait

No media source currently available

0:00 0:09:00 0:00
Xurree marsariitii



please wait

No media source currently available

0:00 0:11:54 0:00
Xurree marsariitii
XS
SM
MD
LG