Xurree ittiin seenan

Faalamni qilleensaa Miidhaa Dhaqqabsiisaa Jira:WHO

  • Tuujubee Horaa

Faayilii - Keeniyaa magaala Garrisaatti mana lolaadhan marfame

Faayilii - Keeniyaa magaala Garrisaatti mana lolaadhan marfame

Faalamni qilleensaa nannoo addunyaa keessumaa magaalaalee iyyeeyyii ta’an keessatti heddummaataa adeemuu jarmayaan fayyaa addunyaa beeksisee jira.

Gama biraan immoo Itiyoopiyaan waggoota 14n itti aanan keessa dhibee busaa akka hin facaane ittisuu ni dandeessii? Mata dureelee kana lamaan irratti gabaasaaleee ergaman akkasumas waahilli keenya Solomon Abaatee angawaatuu ministeera eegumsa fayyaa haasofsiisee jira.

Naannoo addunyaa irraa du’a yeroo ammaa mudatu keessaa nuusa kan ta’u faalama qilleensa naannoon ta’uu isaa jaarmayaan fayyaa addunyaa WHO beeksisee jira.

Akka ba’ii qorannaa jaarmiyichaatti utuu ooluu danda’uu lbuun namaa darbu waggaatti gara miliyoona sadii ta’a.

WHOn akka jedhetti faalamni qilleensaa, bishaaniif biyyoo summiiwwan adda addaaf saaxilamuun jijjiiramni qilleensaa akkasumas ho’a aduu miidhaa dhaqqabsiisu kanneen fakkaatan dhukkuboota dhibbaa ol ta’an akkasumas danqaa fayyaa uumuuf sababaa dha.

faalamuu qilleensa naannoon lubbuun namaa dhabamuun kan heddummaatu Asia kibba gama bahaa fi naannoleen Paasfiik gama dhiyaa keessatti.

Waggoota kudhan dura dhibeewwan lubbuu namaa galaafachuun beekaman kan akka tasiboo fi busaa yoo ta’an kunis bishaan qulqulluu hin tane dhuguu, hanqina qulqullinaa fi akkasumas dhangala’aa qulqullina hin qabaanne naannolee keessaa dhabamsiisuu dhabuu dhaan dhibeewwan daddarban turan.

Waggoota kudhan keessatti ilmoon namaa carraa inni bishaan qulqulluu argachuuf qabu daran babal’ataa, qulqullinaaeeggachuun isaas fooyya’aa waan dhufeef faalama akkasiin dhibeewwan dhufan ittisuu danda’ee dhibeewwan kunis daddarbuun isaanii akkaan gad xiqqaachuu WHOn beeksisee jira.

Naannolee qulqullinni itti hanqateef faalama qilleensaan kan dhufu hanqina fayyummaatu naannoo addunyaa irraa lubbuun dhamaa baduuf sababaa ta’aa kan jiru.

Waggaa waggaatti uummati miliyoona 8 ta’u kan du’u faalama qilleensaa fi tamboo namoota hin xuuxne garuu kanneen xuuxan aara isaan baasaniin miidhaaf saaxilamuu isaanii jaarmayaan fayyaa addunyaatti itti gaafatamtuun dhimma eegumsa naannoo Maarayaa Neeraa ibsaniiru.

Har’a kan nu mudatee jiruu fi weerarri hedduu yaaddessaa ta’e sababaa dhukkuboota daddarbaa hin taaneen kan dhufu dhibee fayyummaa hawaasaa ti.

Qilleensa naannoo irratti dhiibbaa kanneen fidan dhabamsiisuu dandeenyaan kanneen hidda gad fageeffatanii fi dukkuboota daddarban fi haala isaan ittiin daddarban to’achuu dandeenye jechuu dha.

Dhiibbaa dhiigaa hamaa dhaan akka tasaatti kan dhufu rakkoon fayyummaa, dhukkuba onnee fi kaanseriin ujummoo qileensaa irratti dhiibbaa kan fidaniin balaan du’aa dhaqqabu harka 3 keessaa lama kan mudatu sababaa faalama qilleensaan kan ka’e.

Biyyoonni dhibeewwan akkasiin dhufan ittisuuf maallaqa hedduu yoo baasan miidhaa fayyummaa sababaawwan armaan olitti tuqamaniin dhufaan wal’aanuuf baasan gadi ta’uu Neeyraan VOAf ibsa kennaniin yaadachiisaniiru.

Baasii eegumsa fayyaaf ba’u doolaara triliyoonaan laka’amu keessaa dhibba irraa harka 97 ta’u kan ba’u dhibeewwan wal’aanuu fi hojii kuniinsa kennuu irratti.Qabeenyaa walii galaa keessaa dhibeewwan ittisuuf kan ba’u dhibba irraa harka sadii qofa.

Nyaata bilcheessuu, mana ho’isuu fi tajaajila ibsaaTIIf teeknooloojii qulqulluu ta’anii fi boba’aawwan gargaaramuu dhaan qilleensa uumamaa ka naannoo keenyaa kunuunsuun dhibeewwan hedduun utuu hin uumameen dhaabsisuu kan dana’amu ta’uu WHOn yaadachiiseera.

Akkasumas bishaan qulqulluu, tajaajila qulqullina naannoo eeguu babal’isuuf giijjiba uummataafis kanneen akkasii gargaaramuun faayidaa qabaachuu isaa WHOn beeksisee jira.

Gara mata duree isa itti aanutti ennaa ceenu immoo addunyaan waggoota 14n itti aanan keessa dhibee budaa dhaabuuf murteeffachuu isaa karoora galma misooma wariinsaa keessatti beeksisee jira.

Akkasumas biyyoonni afriikaa ja’a waggoota arfan itti aanan keessa dhibee kana akka dhabamsiisan WHOn beeksisee jira.

Haa ta’u malee karoorri inni kan Itiyoopiyaa ni milka’aa? Aadde Maammituu Kefiyaalew ministeera eegumsa fayyaa Itiyoopoiyaatti diroktreeti sab quunnamtii uummataa ogeettii fi itti gaafatamtuu dha. Dhibeen busaa biyyattii keessatti maal fakkaata isa jedhuuf deebii kennaniin:

Itiyoopiyaa keessaa faca’inni dhibee busaa gad xiqqaateera. Lakkoobsi namoota busaan qabamanii du’aniis gad xiqqaatee jira. Lakkoobsi namoota dhibee Kanaan qabamanii kanneen mana yaalaa ciisanisaniis gad xiqqaatee jira. Gama dinagdeetiinis sababaa dhibee busaan maallaqa baasanii yaalaman waan qusataniif haala gaarii irra jira jedha gamaaggamni jiru jedhan.

Yaada mul'isi

XS
SM
MD
LG