Xurree ittiin seenan

Breaking News

Sababaa Siyaasaan Oromiyaa Keessatti Namnii Hidhame Hin jiru. Angawaa Oromiyaa Addisuu Araggaa


Sababaa Siyaasaan Oromiyaa Keessatti Namnii Hidhame Hin jiru. Angawaa Oromiyaa Addisuu Araggaa
Sababaa Siyaasaan Oromiyaa Keessatti Namnii Hidhame Hin jiru. Angawaa Oromiyaa Addisuu Araggaa

Hidhamtoota yakkaa kuma kudhaniif dhiifamnii godhamuu Prezidaantiin mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Lammaa Magarsaa Robii Amajjii 4 bara 2017 labsanii jiru.Hidhaa keessa yeroo turanti amala gaarii kan argisiisan, yakka rawwataniin kanneen gaabban gara hawaasaatti yoo makaman jijjirama ni argamsisuu jedhamee kanneen yaadaman ta’uun ibsamee jira.Kunis heera bulchiinsa naannoo Oromiyaa keeyyata 57 irratti hirkachuun bulchaan nannoo dhiifama gochuu akka danda’uu ibsamee jira.

Waajiira dhimmootii kominikeeshinii Oromiyaaf itti gaafatamaa kan ta’an Obbo Addisuu Araggaa akka jedhanti Oromiyaa keessatti sababaa siyaasaan namnii hidhame ykn adabnii irratti murame hin jiru. Garu Jeequumsa Oromiyaa keessaa waliin wal qabatee kanneen wirtulee haroomsaa xolaay Alaagee fi Awaash seenan leenjii fudhatanii ba’aniiru waan ta’eef dhiifamnii kun isaan hin ilalltu jedhu.

Paartiin mormituu Kongreesnii Federaalawa Oromoo gama isaan aangawoonni mootummaa waan dubbatan walii isaanii giddutti wal faalleessaa dha jedhu.

Gabaasaa guutuu kana cuqaasuun dhaggeefadhaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG