Xurree ittiin seenan

Breaking News

Faranjoonni Dhaddim Jireenna Booranaa Guddoo Jijjiiran


Manneen barmusaa fi Hosteelii Jari kun jaare shananitti barattoota dhibba hedduuti barachuutti jira.Aabba Iidee, Aabba Areedoo, Aabba Toonii fi Aabba Need ka amma Tanzaniyaa jiru fi miiloti isaanii bara 1960 fi 1970 keessa jireenna horsiisee-bulaa wallaanuuf Boorana, aanaa Yaaballoo ollaa Dhaddiim, lafa Jaatanii Alii akka mana barmusaa itti jaaran isaan qubatan.Dhaddiim Yaaballoo irraa haguma Kiiloo-meetira 45 fagaatti.

Aabba Iiidee Laangi warra bara 1965 san Itoophiyaa keessa Booranaa dhufe keessaa tokko.
“Gaafa dhufne afaanillee hin beeknuu taatullee qaraa ji’a jahaaf Addis Aabaabaa[Finfinnee] tti Amaarinyaa baranne, achii yaanee gara lafa Booranaa dhandhee achumaan hujii jalqabane," jedha, Aabba Iideen.

“Holy Ghost Fathers” dhaabi Faranjoonni Dhaadim ittiin bobbba'an ka amantii Kirisataanaa Kaatolikii ti. Lafa qubatan sunitti manneen barumsaa, manneen haakimii, hosteela, bisaan fi waan akka akkaa jaaree lafaa fi jireenna nama kuma hedduullee jijjiirumatti jira.
Obbo Taadhii Galgaloo warra gaafa jarri kun mana barumsaa Dhaddiimitti jaaretti barate keessaa tokko."Gaafa warri dhufe ani ilmoolee tissa, aabba Iideen faan mana barumsaa jaaruu qofaa mitii jireenna warra godinaa sun qubatuu wayyeessuu fi aadaa guddisuu, karaa waaqaa barsiisuu,ka du’e awwaaluu, ka fayyaa dhabe hospitaala geessuullee ni hojjetan," jedha.

Jara dur dhfuan san keessaa tokko Aabba Toonii Luwis (biyyeen haa sabladhinnaafii)ganna lamaan duratti lubbuu dhabe.Aabba Tooniin "Dictionary" fi kitaaba aadaa Booranaa-Oromo sadii barreesse.Akka jecha aabba Iideetti, Aabba Tooni Kitaaba kana barreessee Boorana boonse.Gaafa Aabba Tooni lubbuu dhabellee namoota kuma hedduuti dhufe. Akkuma fedhii isaatti lafuma innii itti hojjate, Dhaadiimumatti awwaalanii maqaa isaa ammo baduu dhowwuuf jedhanii mana barumsaa tokko maquma isaatiin jaaran.

Faranjoonni Dhaaddiim tun Yaaballootii manneen barumsaa sadii fi Hosteela lama ta gannatti nami dhibbi hedduun itti baratu bulchuutti jiran. Jarri kun gaafa ganni isaanii 30 fi 40 keessa as dhufan, akkuma amantii Kaatolikiittuu niitii fuuddhanii qabaachuu baatanillee "ijoolleen fi maatiin teenna warruma nu qarqaarru waan taateef du’aa fi jireenni keennalleen asuma taha," jedha.

Mee waan nu hujii Faranjoota Dhaaddim irratti kutaa lamaan qopheessine MP3 irraa caqasaa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG