Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaantiin Somaaliyaa Al-shabaab Irratti Waraansa Haarawa Labsan


Prezidaantii Somaaliayaa, Mohammed Abdullahii Mohammed (Farmaajoo) yeroo harra ibsa kennan
Prezidaantii Somaaliayaa, Mohammed Abdullahii Mohammed (Farmaajoo) yeroo harra ibsa kennan

Maqaa masoo Farmaajoo jedhamuun ka waamaman – Prezidaantiin Somaaliayaa haaraan, Mohammed Abdullahii Mohammed, Somaaliyaa Kibbaa fi giddu-galaa, bakkawwan garee fiinxaaleyyii Al-shabaabiin qabatamanii jiran keessatti waraana haarawa labsanii jiran. Naannoolee uummatni miliyoonaan lakkaawamu rakkoo fayyaa fi beelaan dhumuu mala, jedhame sodaatamu kana keessa kanneen jiran miseensonni Al-shabaab haga guyyoota jaatamaatti yoo harka kennantan ka dhiifaman godhaniif ta’uu illee beeksisanii jiran.

Har’a masaraa Mootummaa, ka magaalaa Moqdishoo jiru keessatti hoogganoota dhaabbatoota naga-eegumsaa biyyattii fi bulchaa magaalaa Moqdishoof ibsa kennan keessatti kana labsan – Prezidaantichi Somaaliyaa.

Biyyattiin garee shororkeessotaa Al-shabaab wajjiin waraansa haaraawa keessa jiraachuu ishee uummata Somaaliyaa maratti labsuun fedha. Kanaaf, akka uummatni Somaaliyaa waraana isaa deggerun gaafadha – jedhan – prezidaantichi.

Waraansicha haaraawaaf qophaa’uuf jecha, hoogganoota waraana biyyoolessaa fi ka Poolisii, hoogganaa dhaabbata tika nagaa biyyoolessaa fi bulchaa magaalaa Moqdishoo jijjiiranii jiran. Haala kanaan, Abdullaahii Mohammed Alii – hoogganaa dhaabbata tika-nagaa Somaaliyaa haarawa, Jeneraal Ahmed Mohammed Jumaalee - hoogganaa waraana biyyoolessaa haaraa, Abdi-karim Daahir Sa’iid – hoogganaa poolisii haaraa ta’uun muudaman. Akkasumas, hooggnaa itti-aanaa hoogganaa Erginsa Somaaliyaa, kan Embaasii biyyattii Waashinton Diisii keessaa ka turan – dippiloomaaticha Taabit Abdii, bulchaa magaalaa Moqdishoo haarawa gochuun muudanii jiran – prezidaantichi.

Yeroo waraansa haarawa kana labsanitti, akkuma Prezidaantiin isaan duraa – Hasan Sheek Mohammud godhanii turan, lammiwwan Somaaliyaa garee Al-Shabaab keessaa deebi’aniif ka dhiifama godhan ta’uu beeksisanii jiran.

Ka’imman Somaalee, kanneen dogoggorsamanii Al-shabaab keessa jiran yoo deebi’an akkan dhiifama godhuuf beeksisuun fedha. Hidhannoo isaanii hiikkatanii waraana biyyaatti harka kennachuuf yeroo guyyoota jaatamaa qaban – jedhan – Prezidaantichi – Somaaliyaa – Mohammed Abdullaahii Mohammed.

Miseensota Al-shabaaba, kanneen haabicha gananii mootummaatti harka kennatanii fi deemsa nagaa fi araaraa Somaaliyaa simataniif eegumsi nageenyaa ga’aan kan godhamuuf ta’uu illee beeksianii jiran.

Xiinxaltoonni akka jedhanitti, yeroo ammaa biyya Somaalee keessatti, mootummaas tahe garee Al-shabaab, kan humna guutmmaatti biyyattii dhuunfate qabu hin jiru.

Gabaasa sagalee kana cuqaasuun dhaggeeffadhaa

Prezidaantiin Somaaliyaa Al-shabaab Irratti Waraansa Haarawa Labsan
please wait

No media source currently available

0:00 0:03:25 0:00

XS
SM
MD
LG