Xurree ittiin seenan

Breaking News

Federlaalummaan Itiyoophiyaaf Barbaachisaa Dha Moo Miti? Maaliif?


Dr. Awwal Aloo, hayyuu seeraa
Dr. Awwal Aloo, hayyuu seeraa

Kora waggaa, ka Waldaa Qorannoo Oromoo as Waashinten Diisii keessatti geggeessame irratti mata-dureelee qorannaan irratti dhihaatee fi mariin irratti geggeessame keessaa tokko, waa’ee “Federaalism” yokaan Federaalummaa ture. Ka Federaalummaa irratti qorannaa bal’aa geggeesse – Dr. Awwal Aloo, Mana-marnootaa sadarkaa ol’aanaa maqaa guddaa qabu – “London School of Economics and Political Science” keessatti hayyuu seeraa, akkasumas qorataa fi barsiisaa waa’ee mirga dhala-namaa ti. Yaadi federaalummaa biyya sirna dimookiraasiin bultu tokko keessatti miga saba guddaa caalaa mirga saboota =xixiqqoo kabajchiisuuf uumame, jedha – Dr. Awwal. Federaalummaan Itiyoophiyaa keessaa, akka heera keessatti barreessametti yoo ilaalame baay’ee dimookiraatawaa, inumaa kan hanga barbaachisu caalaa mirga kennu akka tahe ka dubbatu, hayyuun seeraa fi mirga dhala-namaa kun, garuu akkaataan itti tarsiimoon hojii irra oolfama isaa diriirsamee fi hojii irra oolfamaa jiru, kan walabummaa mootummootaa naannoo eegsisu otuu hin taane kan ol’aantummaa paartii tokkichaa jiraachisutti fuuleffate tahuu hubachiise.

Guutummaa gaaffii fi deebii kanaa dhaggeeffadhaa.

Federlaalummaan Itiyoophiyaaf Barbaachisaa Dha Moo Miti? Maaliif? Kutaa Tokkoffaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:09:49 0:00

Federlaalummaan Itiyoophiyaaf Barbaachisaa Dha Moo Miti? Maaliif? Kutaa lammaffaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:09:03 0:00

XS
SM
MD
LG