Xurree ittiin seenan

Breaking News

Filannoo Ferensaay Ilaalchisee Naannoo Addunyaa Irraa Yaadi Dhiyaataa Jira


دہلی گیٹ لاہور کا ایک منظر۔ 
دہلی گیٹ لاہور کا ایک منظر۔ 

Imaanu’eel Maakroon filannoo prezidaantummaa Ferensaay injifachuu jechuun biyyattiin miseensa ijoo gamtaa Awrooppaa taate siyaasa sabboontotaa kanneen farra gamtichaa ta’anii ammaaf akka of irraa ittistu taaise jechuu dha. Prezidaanticha haaraa filatame ilaalchisuun biyyoota adda addaa irraa yaadi kennamaa jira. Kan deggeraa gamtaa Awrooppaa ta’an Markoon Ferensaay gamticha keessaa baasuuf dhaadataa ka turan Marine Le Pen-n injifatan.

Immaanu’eel Maakroon erga Napoleon Bonaparte qabee prezidaantii ga’eessa Ferensaayiin hoogganuuf filatame.

Macron badhaadhinni hundumaaf akka ta’u waadaa seenan. Biyyattiin kanneen biyya ofii qofaaf baabsanii fi addunyaa ka biroo waliin hariiroo uummatanii jiraachuu fedhan giddutti addaan qoodamtee jirtu kana tokkoomsuutu irraa eegama.

Chaansilerittiin Jarmanii Angela Merkel bilbiluu dhaan makrooniin baga gammaddan jedhan.

Emmanue Macron lammiiwwan Ferensaay miliyoonaan laka’amaniif akkasumas hedduu kanneen Jarmanii keessaaf fi guutummaa Awrooppaa keessaaf nama abdii of harkaa qabani. Duula nama jajjabeessu kan gamtaa Awrooppaa deggeru geggeessan. Addunyaaf banaa ta’uun akka nama irra jiru nama amanani. Gabaa hawaasaa fi misoomaaf illee nama ciminaan dhaabatani jedhan Merkel.

Magaalaa galma mootummaa Estooniyaa Taaliitti kanneen wal ga’an hoogganoonni biyyoota Baaltiikii fi HOolaansis injifachuu Macroon gammachuun simatan.

Gabaasa guutuu dhaggeeffadhaa

Filannoo Ferensaay Ilaalchisee Naannoo Addunyaa Irraa Yaadi Dhiyaataa Jira
please wait

No media source currently available

0:00 0:04:26 0:00

XS
SM
MD
LG