Xurree ittiin seenan

Breaking News

Filannoo Yunaayittid Isteetsii fi Tii Paartii (Tea Party)


Yaada uummataa walitti qabamee fi ibsa xiinxaltoota polotiikaa irraa hubachuun akka danda’ametti duula filannoo giddu galaa marroo, ka paarlaamaa Yunaayitid Isteets kan bara 2010 geggeessamaa jiruun rippaablikaanonni dursaa jiran.

Haalli dinagdee biyyattii kan yeroo ammaa filannoo Sadaasa lamaa geaggeeffamu irratti uummanni gara Repaablikaanotaatti akka luucca’u taasise, kun immoo dimokraatota miidhauu mala.

Duulli filannoo rippaablikaanotaa irra hedduun garee safuutti cichu kan dilaalli dureeyyii irraa muramu gad haa cabu, qoodi mootummaan jireenya uummataa keessatti qabu haa xiqqaatu jechuun falmu kan “Tii Paartii” jedhamuun geggeessamaa jira. Reippablikaanonni mana marii bakka bu’ootaa dhuunfachuuf barcuma 39 kan barbaadan si’a ta’u mana marii murtii seera keessatti immoo sagalee irra jireessa argachuuf barcuma 10 isaan barbaachisa.

President Barack Obama kaadhimamtoota dimokraatotaaf wayita duula filannoo geggeessanitti tarsiimoon duula filannoo reppaablikaanotaa martinuu dhukkuba waan darbe nama dagachiisuu jedhan. Kanaaf, filannoon amma gaaggeefamu kun imaammata rakkoo keessa nu buusee keessatti hafuu ykn keessaa ba'uu keessaa filachuu ta'a jedhu.

Gareeeleen duula filannoo to’atan akka jedhanitti filannoon walakkeessa marsaa Yunaaytid Steets kan hanga har'atti gaaggefaman keessaa inni ammaa baasii maallaqa guddaa gaafate. Torban kana ennaa duulli filannoo xumuramu doolaara biliyoona lamatti shalagamu fixuu mala.

Duula filannoo isa ammaa kana keessatti "Tii Paartii" n qooda ol'aanaa kan fudhate ta'uun ibsamaa jira. Tii Paartiin seenaa siyaasa Amerikaa keessatti durii kaasee kan beekamu ta'u isaa kan ibsan Yunivarsitii Tenesii kan Nooksviil jiru irraa Professar Asaffaa Jaallataa " erga prezidaant Baaraak Obaamaa aangoo qabatanii as yeroo ammaa kana immoo akka sochii polotikaa tokkootti mormii dhagesisaa jira" jedhu.

"Tii Paartiin gurraachi prezidaantii akka ta'u hin fedhu, saganataa mootummaan yeroo ammaa gama barnootaa, eegumsa fayyaa fi kanneen biroon uummata foyyesuuf karoorfate mormaa jira" jechuun ibsan, Professar Assaffaan.

'Tii Paartii"n sooreyyiin ykn duureyyiin qofti waan hundumaa akka fedhanti akka gaaggeessan fedha kan jedhan Proffessar Asseffaan, paartichi akka Ripaablikaanoota waliin hidhata qabu dubbatu.

MP3 tuquun dhaggeefadhaa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG