Xurree ittiin seenan

Breaking News

IAAF Almaaz Ayyaanaatii fi atileeti Useen Boolti Atileetota Jajjaboo Baranaa jedhee Jimaata dabre keessa badhaase


Atileetota addunyaa jajjaboo bara 2016
Atileetota addunyaa jajjaboo bara 2016

Duraan Ganzabee Dibaabaatii fi Meseret Deffaaritti ammo ammo Almaaz Ayyaanaatti itti dabalame. Federeshiiniin Atileetiksii Addunyaa,IAAF baruma baranaaa atileetoa jajjaboo jedhee badhaasa.

Atileetotii Itoophiyaa badhaasa IAAF argachumatti jiran.Federeshiiniin kun baranallee kaaniin Iatileetii guddachuutti jiru jechaa,kaaniin ammoo atileetii jabaa fi jabduu jechaa badhaasa kenna.

Haga tokko badhaasa maqaa pireziudaantiin badhaasa,kaan maqaa nugusaatiin badhaasa.

Atileetii addunyaa ta bara 2016(IAAF)
Atileetii addunyaa ta bara 2016(IAAF)

​Almaaz Ayyaanaa hin ceetu hinbarriftii Useen Boolti,atileetiin Jameeyikaa hin cehuu hin xinniqa jehdaniin.Jara lamaaniinuu Athlete of year 2016 jedhanii badhaasan

Almaaz Olompikii Biraazi baranaa irratti metirii 10,000 rekordii haaaan moote.Dorgomumm Riyoo sun irratti metiri kuma 5000 irralleetti naasii argatte.

Atileeti Almaaz Ayyaanaa nama ganna 25ti, fiigichaa metiri 3000, 5000 fi 10,000 irratti moohachuun beekamti.

Gama kaaniin atileetiin Jameeyikaa Useen Boolti ka duruu akka qaanqee xinniqa jedhaniinilleen baranallee athlete of year jedhamee badhaafame.Tana waliinmarro jaha badhaasa kana argate.

Atileetota addunyaa jajjaboo bara 2016:Useen Booltii fi Almaaz Ayyaanaa
Atileetota addunyaa jajjaboo bara 2016:Useen Booltii fi Almaaz Ayyaanaa

​Olompiki Riyoo baranaa irralleetti metirii 100, 200 fi metiri 400 ta ulee walti kennaanaa cehan ufumatti qabahdaadhatee warqii guurrate.

Barana moohameetuu hin beeku “Gammachuu tana arguuf jiraadhe yo ani istaadiyoomiin bahe nama na simachuuf dhuqqisee lafaa kahe arge.

Wannii ani ammallee dorgommii tana dhiisuu dadhabeef gammachuu namaa tanaaf”jedhe Useen yoo badhaasa fudhachuuf dhufe.

Gammachuu tanatti dorgommii tana dhaabuu na dhowwee jedhee dabale. Useen Boolti nama ganna 30ti magaala moglee dhedheeraatii yoo fiigichaa bahu nama isa hin qolchu

XS
SM
MD
LG