Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dhaabbatni “Menshin For Menshin” Yuroo Miliyoona Kudha-lamaan Bara Kana Akka Hojii Gargaarsaa Itiyoophiyaa Keessatti Hojjetu Beeksise


https://www.menschenfuermenschen.at/en/about-us-association/team-ethiopia/
https://www.menschenfuermenschen.at/en/about-us-association/team-ethiopia/

Mension for Mension yokaan “Namoonni Namootaaf” jedhamuun kan waamamu, dhaabbanni arjoominaa, ka sadarkaa Addunyaa -- sagantaalee gargaarsaa adda addaa bara 2017 Itiyoophiyaa keessatti geggeessuuf karoorfateef, baajeta qarshii itiyoophiyaa Miliyoona dhibba lamaa sagalamii saddeetii fi kuma dhibba tokkoo fi kuma soddomii sagal yokaan immoo Yuuroo Miliyoona 12 ramaduu isaa fi hojii jalqabuu isaa har’a beeksise.

Dhaabbatichi har’a ibsa gaazzexeessotaaf kenneen akka beeksisetti, toora barnootaa, fayyaa, karoora maatii, HIV/AIDS fi kanneen birootti fuuleffachuun karoorawwan hojii baafate hojii irra oolchuuf jecha baajeta kana remade.

Maallaqani gargaarsaa kun irra caalaan isaa ka madde, dhaabbatoota arjoomtootaa biyya Jarmanii jiran irraa yoo tahu, kan hafe immoo dhaabbatoota biyya Ostiriyaa argame – jedhan – Miseensi Boordii Meshin For Menshin – Piiter Reenee. Proojektiilee bara kana keessa Itiyoophiyaa keessatti hojjetaman keessaa tokko akka fakkeenyaatti ennaa ibsanis akkana jedhan.

Ibsi dhaabbatichi baase akka addeessetti, bulchiinsota naannoo Amaaraa, Oromiyaa, Tigiraay, Sabaa fi sab-lammotoaa fi uummatoota Kibbaa keessatti manneen barnootaa haaraa toorbaa fi ka biroo kudha-toorba ijaaruu dhaa ala, boollawwan bishaanii 83 fi burqaalee bisheenii toorbaatamii ja’a cimsuutti dabalee, waaltaaleen bishaan qulqulluu 159 akka ijaaraman beekamee jira.

XS
SM
MD
LG