Xurree ittiin seenan

Breaking News

Eebba Fiilmii Afaan Oromoo Haaraa Daawwattota Kuma Hedduu Hawate


Fiilmiin "Daandii Wal-maraa" jedhamuu eebbifame, Finfinnee, Caamsaa 7. 2017
Fiilmiin "Daandii Wal-maraa" jedhamuu eebbifame, Finfinnee, Caamsaa 7. 2017

Dilabata gaafa Caamsaa toorbaa, fiilmiin Afaan Oromoo haaraan “Daandii Wal-maraa” jedhamu, galma aadaa Oromoo, ka magaalaa Finfinnee jiru keessatti yeroo eebbifamee banametti uummatni kumaan lakkaawamu yaa’ee daawwachuun isaa sabaa-himaalee hawaasummaan ibsamaa ture. Akka namoonni bakka sanatti argaman jedhanitti, daawwattoonni galma guguddaa lama guutanii irraa-hafuun garii wal-muddanii dhaabataa turan. Kanneen iddoo dhabanii deebi’an illee ni jiran. Rakkoon galmaa fi rakkoon uummmata heddumminaa fi walitti-fufinsaan yaa’ee daawwatu dhabuu, rakkoolee guguddoo ammaan dura qopheessitoonni filmii Afaan Oromoo komataa turan keessaa isaan guguddoo dha. Amma akkamitti rakkoolee kana irra aanamee, daawwattoonni kumaan lakkaawaman itti yaa’uu danda’an? Qabiyyeen fiilmichaa maali? Qophiin isaa hoo akkami? Qopheessitoonni akkamitti daawwattoota hawatan? Kanneen fi ka biroodhaaf, barreessaa fi daarektara fiilmii kanaa Amaanu’eel Admaasuu Garoo, Finfinnee irraa haasofsiisnee jirra.

Eebbaa Fiilmii Afaan Oromoo Haaraa Daawwattota Kuma Hedduu Hawate
please wait

No media source currently available

0:00 0:11:16 0:00

XS
SM
MD
LG