Xurree ittiin seenan

Breaking News

Fincaan Daddabalee Nama Qabuun Mallattoo Dhukkubaatii?


Mala xuriin qaama namaa keessa jiru gara alaatti ittiin ba’u keessaa fincaan tokko ta’uun baakamaa dha. Fincaan akka nama qabeetti fincaa’uun fayyaa uffaa fincaanii (urinary bladder)f akkaan barbaachisaa ta’uu kan ibsan Dr. Sambataa Guuttataa Yunivarsitii Finfinnee irraa, heddummina fincaaniis baay'ina dhangala’aa namni dhuguutu murteessa jedhu.

Namni tokko sa’aatii 24 keessatti yeroo 6 hanga 8tti deddeebi’ee fincaa’uu qaba kan jedhan Dr Sambataan, kanaa ol ykn halkan hirriba keessaa dammaqanii yeroo lama ykn isaa ol fincaaniif ka’u taanaan garu, mallatto dhukkubaa ta’u mala jedhan.

Namonni dhukkuba suukaaraa, dhukkuba ujjummoo fincaanii (UTI) qabe akkasumas dubartoonni ulfaa carraan irra deddeebi’anii fincaaniif deemuun kan isaan mudatu ta’uun ibsamee jira.

Gaaffii fi deebii guutuu MP3 tuquun dhaggefadhaa

XS
SM
MD
LG