Xurree ittiin seenan

Breaking News

Chaansilarittin Jarmanii maal jedhan?


Chaansilarittin Jarmanii maal jedhan?
Chaansilarittin Jarmanii maal jedhan?

Kan haaraa filataman prezidaantii yunaaytid Isteets Donald Traamp kakatanii aangoo eega qabatanii booda yaada walii galtee qabaachuu kan fedhan ta’u chaansilarittiin Jarmanii Amgelaa Markal har’a waadaa seenan.Garu aangawaa kana waliin adda addummaan jiraatuus Awuroopaan karaa gara fuula duraatti ittiin tarkaanfattu lafa ka’atti jedhan.

Traamp dhuma torban darbee waa’ee gamtaa Neetoo irratti akkasumas deebii Jarmaniin baqattoota Awuroopaa seenaniif laatte dogoggora jechuun irra deebi’anii qeeqanii booda Markal deebii kana kennan.Akka natti fakkaatuutti nuti warri Awuroopaa itti galii keenya of- harkaa qabna.Kanaaf walii wajjiin dhabachuu qabana jedhu.

Berlin keessatti tuuta oduuf Markal akka ibsanti miseensoonni gamtaa Awuroopaa qabsoo farra shoroorkeessumaa irratti walii wajjiin hojjachuu qabna jedhan.

XS
SM
MD
LG