Xurree ittiin seenan

Breaking News

Itti Aanaa Prezidaantiin Amerikaa Yukreenti Imalan


Itti Aanaa Prezidaantiin Amerikaa Yukreenti Imalan
Itti Aanaa Prezidaantiin Amerikaa Yukreenti Imalan

Hawaasnii addunyaa weerara Raashiyaa dura dhaabachuu qaba kan jedhan itti aanaa prezidaantiin Yunaaytid Isteets Joe Biden Donaald Traamp deggeraa jabaa gochuun yukreen waliin michooma akka uumaniif gaafatan.

Biden har’a Kiiyv keessatti prezidaantii yukreen Petro Poreshenko cina dhaabachuun akka dubbatanti yukreen kaansarii kan ta’e malaamaltummaa fi weerara kreemliin waliin wal waraanaa jirti jedhan.

Traamp Gazexaa Loondonii fi kan Jarmanii waliin gaaffii fi deebii gaggeessanin waa’ee Yukreen kan ilaaleen Raashiyaa waliin dubbachuu akka fedhan kana malees sagantaa Nukleeraa irratti walii gallaan Moskoo irra uggura ka’ame akka kaafamuuf kan dubbatan ta’u ibsan.

XS
SM
MD
LG