Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gargaarsi Biyyootii Alaaf Kennamu Addaan Hin Citin: Gadaoojjiiwwan Waraanaa Ameerikaa

FILE - David Petraeus, former CIA director and four-star Army general, has agreed to plead guilty to mishandling classified information. He's shown at a 2012 Senate hearing with Lieutenant General Ronald Burgess in Washington, D.C.

Gadamoojjiiwwan ajajoota waraanaa US 120 ol dta’an Kongresiin diplomaasummaa fi gargaarsa biyyootii alaaf deggersa kennamu akka gad hin cabsine gaafatan.

Traamp bajata isaanii har’a galgala Kongresiif ennaa dhiyeessan waaana biyya isaanii wayyeessuuf kan oolu doolaara biliyoona 54 gaafatu jedhamee eegama.

Ennaa kanas keessumaa ministrii haajaa alaa fi dhaabata kunuunsa qilleensa naannoo irraa bajati akka gad xiqqaatu gaafachuuf jira jedhameera.

Hoogganoota Republikaanotaa fi Demokraatotaaf xalayaa angawoonni gadamoojjiiwwan waraanaa kaleessa erganiin diplomaasii, misoomaa fi humna ittisaa wal faana cimsuun Ameerikaa nagaa qabdu uumuuf barbaachisaa dha jedhan.

Itti dabaluu dhaanis hoogganoonni waraanaa duraanii xalayaa isaanii keessatti muuxannoon horatan irraa barnoota argataniin rakkoo biyyoota hedduu tarkaanfii waraanaa qofaan hiikuun hin danda’amu jedhan.

XS
SM
MD
LG