Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gaaffii Gargaarsa Hatattamaa Kan Itiyoopiyaa


Itiyoophiyaa keessatti waggaa kana keessa uummanni gargaarsa nyaata kan hatattamaa barbaadu miliyoona 2.8 kan ta’u mootummaan tilmaamee jra. Lakkofsii namoota hanqiina nyaataan rakkatanii kan bara darbee miliyoona 5.2 ture, barana gara miliyoona 2.8tti gad cabuun oduu gammachisaa dha.

Ministerri qonnaa kan Itiyoophiyaa Mitikuu Kaasaa fooyya’iinsa argame kanaaf, waan lama galateffatan.Kunis haallii qillensaa gaarii ta’uu isaa fi gargaarsi argamuu.

Garuu, Itiyoophiyaatti qindeessaan gargaarsa dhala namaa kan Tokkumaa mootummootaa Eugene Owusu akka jedhantti, lakkofsi miliyoona 2.8 jedhu kun seenaa jiru keessaa hanga tokko qofa ibsa.Kanneen biroon kuma 900 fi kuma dhibba 56 ta’an immo nyaata dabalataa eeggatu.

Ijoolleen kuma 100 fi kumii torba hanqiina nyaataa hamaa keessa waan jiraniif wal’ansa itti fufiinsa qabu argachuu qabu jedhan.Uummanni miliyoona 3.3 immoo jedhau Mr.Owusuun, nyaata wal qixxaataa fi vaaytaamiin A argachu qabu yoo ta’e ilaalmuu qabu.

Owusuun akka jedhantti, lammiwwan Itiyoophiyaa miliyoona hedduun dhukkuba Busaa, Gifiira akkasumas Haqqisaa fi garaa baasaa arifachisaan kan iddoo biraatti koleeraa jedhamee waamamuuf saxiilamoo dha.

Gabaasnii mootummaa Itiyophiyaa akka agarsisuuti, hanqina nyaataa mudate jedhame kun harki 40ni, bulchiinsa naannoo somaalee keessatti ta'uu ibsee jira.Garuu naannoo kana keessa kan jiraatu, uummata Itiyoophiyaa keessaa harka 6 gadi.waraanni mootummaa Itiyoophiyaa naannoo kana keessatti, waraana Adda Bilisummaa Biyyoleessa Ogaadeen waliin wal waraanaa jira.

Gareen kun dhaamsa e-meeliin ergeen, mootummaan naannoo sana keessatti duguugamiinsa sanyii gaggeessaa, gargaarsa nyaataa gamasitti ergamu ittisa jechuun himata.

Mootummaan Itiyophiyaa garuu himata kana haaluu dhaan, sochiin riphxee looltootaa kun du’aa jira jedha.Garu gareen gargaarsa arjooman kannen raabsa gargaarsaa ilaaluu fedhan, gamas akka hin sennee ittisee jira.

Ministeerri qonnaa kan Itiyoophiyaa Mitikkuu kaasaa akka jedhantti, bulchiinsa naannoo somaalee keessatti, aanaalee jiran keessaa kan seenuuf ehama aangawootaa barbaachisuu aanaa 9 qofa.

Qindeessaan waa’ee gargaarsaa kan Tokkummaa Mootummotaa Owusuun Finfinnee irraa akka ibsantti garuu, aanaalee nagaa qaban keessa seenanii hojjachuuf gaaffii hojjatonni gargaarsaa dhiyessan aangawonni ni didu.

Itiyoophiyaatti sagantaa misooma sadarkaa adunyaa kan mootummaa Briteeniif hogganaa kan ta’an Howard Taylor gargaarsi nyaataa kennamuu kallattiin kanneen ergameef dhaqqabu isaa ilaalchisee, jaarmayonni gargaarsaa sodaa qabu jedhu.

Gabaasaa guutuu MP3 tuquun dhaggefadhaa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG