Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gaaffiilee RSA sagantaan Afaan Oromoo Dhiyessee Namoonni Injifatan Beekaman.


Adunyaa irratti figiicha lafa dheeraan kan beekamu Atleet Haaylee G/Sillaasee akkasumas Atleet Birhaanee Adaree Neew Kasil Briteeyin keessatti fiigiicha kiloo-meetra 21n, injifatanii jiru. Hayileen figicha kiloo-meetra 21 kana daqiqaa 59 fi sekondii 33n kan xumure yoo ta’u, figiicha fageenya dheeraan muxannoo kan qabdu Atileet Biraanee Adaree fageenya wal fakkaataa xumuruuf sa’atii 1 fi daqiqaa 8 fi sekoondii 49 ishee fudhate.

As Yunaaytid Isteesi keessatti dorgommii wal fakkaataa gaggeefameen, ramaddii dubartootaa irraa, Atleet Meseret Daffaar akkasumas gama dhiirootaa irraa Atileet Gebre-egizaabiheer G/ Mariaam injifatanii jiru.Atileeti Meseret Daffaar sa’atii 1 daqiqaa 7 fi seekondii 44..n injifattee jirti. Atleet Gebre-egizaabiheer G/ Mariaam ramaddii dhiiraa keessatti yeroo dheeraaf dursaa eega turee booda dhuma irratti waan laafeef xiqqoof dursamee lammaffaan bahe.



Gama kaaniin Afrikaa kibbaa keessatti kan gaggeefame tapha kubbaa miillaa addunyaa ilaalchisee gaaffiilee Raadiyoon sagalee Amerikaa sagantaan Afaan Oromoo dhiyessee ture deebisuun namoonni injifatan 21 beekamanii jiru. Umuriin isaa waggaa 13 ka ta’e barataa Hundarraa Mahaadii biyya NeezerLaands irra akkasumas Obbo Hasan Bekrii Adam Oromiyaa Godina Arsii Lixaa Adaabbaa irraa kanneen qabxii olaanaa argatan keessaa ta’uunis beekamee jira.

Guutummaa qophii kanaa MP3 tuquun dhaggeefadhaa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG