Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gaafii fi Deebii Fayyisaa Lalisaa Wajjin


Fayyisaa maatii isaa wajjiin
Fayyisaa maatii isaa wajjiin

Maatiin atleet Fayyisa Lalisaa - haatii warraa isaa Iftu Mullisaa fi ijoolleen isaa lamaan Kibxata darbe gara bakka inni jiraatuu Yunaayid Isteets dhufaaniiru. Fayyisaan Olompikii Riyoo bara darbee irratti mootummaa Itoophiyaa balalleffachuun mormii Oromiyaa bira erga dhaabbate as Yunaaytid Isteets jireenya baqaa jiraacha jira.

Fayyisaa ijollee isaa wajjin Guraandhala, 14, 2017
Fayyisaa ijollee isaa wajjin Guraandhala, 14, 2017

Fayyisaan jiruun koobaa ji'a jahan darbee salphaa akka hin turre, garuummoo harka kennuutti waan hin ammanneef ciminaan keessa darbuu dubbata.

Dabalees, Fayyisaan "gara funduraattis harka kiyya ol kaasee mallattoo mormii agasiisudhan qofa odoo hin ta'in amma ummanni Oromoo bilisummaa argatutti karaan danda'e hundaan waan narraa eggamun hojjadhaa, ammasitti boqonnaa hin qabu." jedheera.

Dhaggeeffachuuf kana cuqaasaa

Gaafii fi Deebii Fayyisaa Lalisaa Wajjin
please wait

No media source currently available

0:00 0:09:47 0:00

XS
SM
MD
LG