Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gaambeellaa Keessatti Seeraa-ala Uummata Qehee irraa Fonqolchu Jedha, Hiyuumaan Raaytis Wach


Mootummaan Itiyoophiyaa Sagantaa isaa “Mender Misretaa” yokaan hundeessa gandaa jedhamuun, kanneen Dhiha biyyattiitti argaman lammiwwan Gaambellaa kuma toorbaatama tahan qehee isaanii irraa buqqise, jedha, Gareen Mirga Dhala-namaaf falmu,Hiyuumaan Raayits Wach, ibsa baase keessatti.

“As taa’anii Du’a eeggachuu” mata-duree jedhuun gabaasaa baase kana keessatti, Sagantaa Hundeessa Gandaa fi Qubachiisaa Gaambellaa waggaa tokkoof geggeessame xiinxaluu isaa dubbata, gareen kun. Hiyuumaan Raayits keessatti, qorataa fi qopheessaan gabaasaa kanaa – Seeliks Hoorn, London irraa, Raadiyoo Sagalee Ameerikaaf ibsa kennaniin “Akeekni Hundeessa Gandaa sun, akka dura ibsametti kan namoonni fedhii isaaniin itti deemuunii quabatan tahee otuu jiruu kan ani ijaan arge garuu faallaa isaa ti” jedhu.

Akka yaada ijaarsa gandaa sanatti namoonni iddoo deemanii qubachiisamanitti tajaajilawwan fayyaa fi jireenya isaaniif miija’oo tahan akka kennamaniif, bu’urawwan hawaasaa fi misoomaa akka ijaaramaniif, nyaataa fi bishaan akka argatanii fi gara hojiitti akka seenan itti himamee akka tahe kan dubbatan, Mr. Hoorn, garuu kanneen jedhaman hin guutamneef uummatni Gaambeellaa rakkoo hamaa keessa jira, jedhu.

Hiyuumaan Raayits Wachitti directorri Godinaa Awurooppaas, gabaasaadhuma kana ilaalchisuudhaan ibsa kennaniin, kanneen Gaambeellaa keessa jiratan lammiwwan gosa Anyuwaakii fi Nuweer lafa isaanii irratti abummaa qabaatanii hin beekan. Lafti Gaambeellaa keessaa dhibba irraa harka afurtamii-lama ka tahu, Investerootaaf kennamee jira, yokaan kennamuuf qophaawee jira, jedhan.

Mootummaan Itiyoophiyaa garuu, gabaasaa Hiyuumaan Raayits Wach baase kana --- “kan akeeka Polotikaa qabu - gabaasaa dharaa ti”, jedha. Dubbii-himaan Mootummaa Itiyoophiyaa, Obbo Bereket Simoon, waa’ee lafa investaroota alaatiif kennuu Mootummaa isaanii ilaalchisuun ennaa dubbatanis, “Itiyoophiyaan qabeenyaa ishee misoomsachuuf mirga qabdi” jedhan.

Gabaasaa guutuu dhaggeeffadhaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG