Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gaazexeessitota biyya lamaa Itoophiyaa keessatti saatii 24 hidhanii gadi dhiisan


Wiiliyaam Deevisan
Wiiliyaam Deevisan

Wiiliyaam Deevisenii fi Jooysii Foorten hujii Itoophiyaa jiran.Wiiliyaam dhaaba Amerikaa Bloomberg jedhaniif hojjataa, Jooysiin ammoo dhaabbilee oduu akka New York Times,AP fi oduu gara garaatii hojjattti.

Hiriira Oromiyaatii fi rakkoo bonii,baokkaa dhabiitiin fiddee nama miliyoona 10 caalaa rakkifte gabaasuuf Harargee Bahaa dhaqanii karaatti dhaabisfamanii qabaman.Saalem Solomoonii fi Henook Semaazgeritti jara kana lamaan wa gaafate.

Gaazexeessitotii tun Roobii torbaan dabree Oromiyaa dhaqan. Yuniversitii Adaamaatti goranii barattoota dubbisanii dabaran.Barattootii keessumattuu hiriira mormii Oromiyaa irratti waan garaa itti hammaatan hedduu qaban jedha Wiiliyaam.

“Waan mootummaatti hin gammanneef hedduu qaban.Namii hedduun hiriira mormii irratti dhumuun,hedduun hidhamuun fi waan dallananiif baayyee qaban.”

Gaazexeessitotii addunyaan lamaan kun Haragee Bahaa,Aseboot fi magaalota Oromiyaa gama Bahaa keessaa hiriira mormii gabaasuu qofaa mitii dhaqe rakkoo bokkaa dhabiitiin fiddee nama miliyoona 10 rakkise Haragee Bahaa maan maaniin akka miidhe ilaaluuf dhandhee jedha Wiiliyaam.

Akkuma jarii Awaashii wa nyaatee magalaaa keessaa diqqoo alatti baheen.“Akkuma diqqoo yaanee Awaash Kibba Bahaa dabarree Keellaa geenneen makiinaa poolisii federalaa makiinaa keenna dhaabe. Warqata eennummaatii fi nama biyya tami akka taane nu gaafatan.”

Makiina sun keessa gaazexeessituu beekamtuu Jeesii Foortii fi nama jaraa afaan hiikuu dhibiitti keessa jira.Taatullee jarii mootummaaf nagaa eeguu maaniif makiinaa isaanii akka dhaabanii ykn isaan qabe seera maqeeffatee wannii jarii jedhelleen hin jirtuu jedha Wiiliyaam.

“Waan sun irraa kahanii ykn ammoo hajaja kennaniif tahuu dandahaa makiinaa keenna gara poolisii magaalaa Awaashitti nu deebisan, daqiiqaa 10 keessatti murtii irra gahanii achii poolisiin Finfinnee nu geessu tolchan.”

Maanii akka shakkamanillee akka jecha Wiiliyaamitti itit hin himne wanti itakkittiin jedhan nutti hin himne “hajaja oli dhufe guutuutti jirraa qofaa,”jedha.

​Achii ammoo jedha Wiiliyaam “galgala sun mana hidhaa poolisii dhandhu nu tolche woma jedhan tolchine.Mana hidhaa bulle gara ganama saatii sadiitti waajjira baqataa ykn immigration nu geessanii itti gaafatamtoota jidduu galeessaatiin haga diqqaa tokkoof wal argine gara guyyaa gula gadi saatii 24 gadi nu dhiisan.”

Waldaa Gaazexeessiitoota Biyyoota Alaa Afrikaa Bahaa
Waldaa Gaazexeessiitoota Biyyoota Alaa Afrikaa Bahaa

Namii Davisson waliin hidhame Jeesii Foortin oduu Twitter ufi irratti baafteen adoo Itoophiyaa keessaa oduu gabaasuu hidhaa bule jettee gabaasa Waldaan Gaazexeesitoota Addunyaa damee Afrikaa bahaa rakkoo gaazexeessitota Itoophiyaa barreesellee itti dabalte.Waldaan kun walabummaan gaazexeessitota Itoophiyaa guddoo nu yaaddessa jedha.

Akka gabaasa waldaa kanaatti gaazexeessitotii addunyaa Itoophiyaa keessatti eeyyama gaazeessummaa qabaatanii hojjatanilleen Itoophiyaa keessatti haga diqqaallee taatu qabamanii hujii hojjachuu dhowwanii kun seeraa ala jedha.

Jarii rakkoo tana himatu Wiiliyaam Deevisen dhaaba oduu Amerikaa jiru Bloombergiif hojjataa Joosii Foortiin ammoo dhaaba oduu gara garaatii hojjatti.Jarii lachuu Itoophiyaa jira

Rakkoo jarii himatu kanaaf Henokii fi Saalem tana irratti deebii mootummaa Itoophiyaa argachuu feenee dadhamnee jedhan.

Gabaasa Guutuu Caqasaa.
please wait

No media source currently available

0:00 0:04:31 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG