Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gabaasa Komishina Mirga Dhala Namaa Itiyoophiyaa


Loogoo Koomishinii Mirga Dhala Namaa Itoophiyaa
Loogoo Koomishinii Mirga Dhala Namaa Itoophiyaa

Mormii Oromiyaa keessatti gaggeeffame irratti tarkaanfiin humnootiin fudhatame kan wal gituu fi kan ta’uu qabu ture jechuun komishinni mirga dhala namaa kan Itiyoophiyaa beeksisee jira. Dura ta’aa komishinichaa kan ta’an Dr. Addisuu Gabre Egiziyaabheer akka jedhantti lakkofsi namoota ajjefamanii 173 yoo ta’uu kanneen keessaa 14 miseensoota humna nageenyaa kanneen biroon 14 immoo miseensoota hoggana mootummaa turan jedhu. Jeequmsa dhaqqabe ittisuuf Raayyaan ittisaa, polisiin Federaalaa, polisoonni nannoo fi milishoonni seenanii ituu hin tasgabbeesine ta’e balaa kana caalaatu dhaqqaba ture jedhan. Qorannaan kunis of-eeggannaa guddaan qaama dhimmi ilaaluu haasoofsisuun qophaa’uu isaa Obbo Addisuun hubachisanii jiru.

Mararaa Guddinaa, dura ta’aa paartii Kongreesii Federaalawaa Oromoo
Mararaa Guddinaa, dura ta’aa paartii Kongreesii Federaalawaa Oromoo

Gama kaanii dura ta’aa paartii Kongreesii Federaalawaa Oromoo kan ta’an Dr. Mararaa Guddinaa komishinni gabaasa kana qopheesse walaba waan hin taaneef mootummaa irraa itti gaafatama kaasuuf kan hojjatame jedhu. Akka paartiin keenya beekuutti kanneen Oromiyaa keessatti mormii gaggeffameen ajjefaman 350 ol ta’u jedhanii, qabsaa’onni 500 jedhanis ni jiru jedhu. Mootummaan haala Oromiyaa keessatti dhalateef sababaan dhabamuu bulchiinsa gaarii ti jechaa amma immoo komishinni kun humnootii adda addaa jechuun maqaa dhahuun wal faalleessa jedhu. Ammas taanaan dhimmi kun qaama walaba ta’een akka qoratamuu gaafanna jedhu Dr Mararaa Guddinaa.

Gama kaaniin eenyuummaa saba Qimaant kan ilaaleen dhimmi yeroo gabaabaa keessatti deebii argachuun irra ture waggaa 6 lafa irra harkifamuu fi polisoota 2 dabalatee lubbuun nama 87 dhabamuun sirri miti jechuun mootummaan bulchiinsi Amaaraa uummata dhiifama akka gaafatuuf koreen kun gaafatee jira.

Gabaasa Komishina Mirga Dhala Namaa Itiyoophiyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:10:18 0:00
Xurree marsariitii

XS
SM
MD
LG