Xurree ittiin seenan

Gadaan, yayyaba qarooma Oromooti,mi’aa isii ka ittiin buletti beeka

  • Soraa Halakee

Gadaan akkamitti siyaasaa abbootii irree akka akkaa dandamattee asi geette,abbaa gadaa, hayyuu, qaalluu ykn itti gaafatamaa amantii,fi itti gaafatamtoota gadaa filachuun duratti amalaa fi,adaba isaanii,nama warra jabeeffatu tahuu isaanii ilaaluu?Hayyee,abbaa gadaa ka wa balleesse eennutti gaafata?Marii teena keessatti itti deebina.

Firaa fi Ormilleen akkanuma faarsaa bahe.Kaan kitaabaan barreessaa, kaan bahee dubbataa,kaan interneetii irratti baasaa,kaan jiraateenii mi’aa isii dubbachaa jiraata, namuu woma beekuu fi akkuma dandahutti itti jira,waan Gadaan Oromoo baate barsiisuutti jira.

Oromoon ganna kuma hedduutii asittuu akkanuma Gadaan buluutti jirti.Gadaan namuufuu wal qixxee ka jiruu fi ka hin jirrellee akkanuma.Seera Gadaa Booranaatti paartii ykn gogeessa shanitti jira.Gogeessii ykn paartiin tokko ganna 40 eegattee baallii fuuti.Namuu gadaa ufii saddeettan fixatee jennaan mi’eeffadhee naa dabalaa fi fixachuu dadhabee narraa fuudhaan hin jirtu.Hujii itti kennan fixatee jennaan akkuma eebbaan irraa fuudhe eebbisee itti kenna.Akkuma kana jechaa dhufaa ganna kuma hedduu geette.Malii jirennaa kun siyaasaa addunyaa ka mala dhabe kanaafuu fala hin tahuu re? Faaya harkaa qabu abbaatti addunayatti himaataa kana isanitti lakkifna.

Hayyee Amerikaan biyya demokiraasiin isii addunayafuu fkn taatee faarsuufiitti jiran.Waan demokiraasii Amerikaa abbaa keessa jirutti akka dansaa beeka,waan Gadaan Oromoo baatellee abbaa mi’aa isii beekutti beeka.Aabba Waaqoo Guyyoo godina Booranaa aanaa Yaaballootti jaarsa gorsaa aadaa fi Tuurisimii Biiroo suniiti.

“Gadaa hormaata keessaa aragannee,bultuma keessaa arganne,seera qajeelaa madhaa maatii tohatu keessaa arganne.Adoo tana qabaachuu baannee jireennaayyuu hin qamnu,duruu gadaa malee jiraachuu dadhabne keessaa dachaane.…gadaa qabaachuu baannaan aadaa fi lagnnuu hin qamnu waan hedduu dhabana.”

Damee Ormaa Amerikaatti, barataa Yuniversity Kolombiyaati.Biyya tanatti namii matooma ykn wal caalee prezdaantii tahuuf dorgomu waan hedduu waliin jedhullee dhuma irratti eebbisee walii dhiisa jedha.Afrikaatti demokisaasii jedhanii jalqabanii irreetti jijjiiran jedha.”Siyaasaan biyya tanaa banaa” waan taheef namii asitti dhalatelleen kana baratee qalbii dansaan guddata.Hammeennii siyaasaa Amerikaa akka jecha Dameetti horiitti deemsa siyaasaa jijjiiruu fedha,taatullee Median waan hedduu gadi baasa.

Akka aabba Waaqotti ammoo Gadaa Booranaatti namii matooma ykn bulchiinsaaf wal dorgomu jechaan wal buusa malee mediyaa fi horiin hhin taatu.

Gadaan Oromoo dhaloota hardhaa dhiisii ka dhufullee abdii, waan ufii qaban jabeeffachaa jiraataniin.Qaroomaa fi jabeenna Oromoo kana akka jecha aabba Waaqotti nama cufatti jabeessee asiin gahe.Naannoo Oromoo cufattuu diqqaattuu guddattuu wannii aadaan jirtu jiraa ammallee hinuma jirti.

Mee waan aabba Waaqoo fi Dameen nutti himan MP3 tana irraa caqasaa.

XS
SM
MD
LG